Falmii Dhugaa

Amaanu’eel Oljirraa@2021

FALMII DHUGAA

Barreessaan: Amaanu’eel Oljirraa Duuloo
Onkoloolessa 2021

GALATA

Kitaabilee sadeen: MUCUCA KUFAATII; QAROOMINA QARUU fi ILAALCHA MISOOMAA jedhaman kana dura barreessee bifa PDFn hiruun koo ni yaadatama. Kitaabilee kana hunda namootni google irratti naaf fe’anii jiru. Namuu salphaatti akka search godhee argatu taasifamee jira jechuudha. Maarree egaa namootni hedduun kitaabilee kanneen sadan dubbisanii akka duub-deebiitti najajjabeessaa jiru. Namootni na abaaranis hin dhabaman. Namuu gumaacha of harkaa qabu naaf gummache. Kanaafuu hundaaf galatan qaba. Kitaaba FALMII DHUGAA jedhu kanas yeroon barreessaa ture kan buna naa danfiftee, nyaata naaf qopheessuun, akkasumas jabaadhu naan jechuun nabira dhaabbatte haadha warraa kiyya Meetii Kifiluu hedduun galateeffadha.

YAADANNOO

Yaadannoon kitaaba kanaa namoota osoo dhugaa qabanii dhugaaf jecha jibbamanii, dhugaaf aarsaa kaffalan, akkasumas dhugaa qabaniif dhageettii dhabanis, dhugaaf falmuu ammallee ittuma fufaa jiran hundumaaf haa ta’u!

BAAFATA

  • GALATA
  • YAADANNOO
  • BAAFATA
  • DHAAMSA
  • SEENSA
  • BOQONNAA 1: Dhugaa
  • BOQONNAA 2: Soba Dhugaa Fakkaatu
  • BOQONNAA 3: Falmii
  • BOQONNAA 4: Golga
  • BOQONNAA 5: Abaarsa
  • BOQONNAA 6: Budaa
  • BOQONNAA 7: Seenaa

DHAAMSA

Namni kamuu kitaaba kana osoo hin jijjiirin bifa danda’ame hundaan dubbisaa biraan ga’uuf mirga guutuu qabda. Jechuu hiruu, maxxansuu fi baayy’isuunis ni danda’ama jechuudha. Garuu heyyama barreessaa malee barreeffama as keessatti katabame kamiyyuu irraa hir’isuus ta’e itti dabaluun dhorkadha.
Falmii Dhugaa, © 2021 ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf karaalee armaan gadii fayyadamtee barreessaa quunnamuu ni dandeessa.
Lakk.Bilbilaa:+251917676673
Telegram: +251917676673(Amanuel Oljira) ykn
https://t.me/IlmaOljirraa
https://t.me/kitaabbileeAfaanOromoo
Facebook: Amanuel Oljira Dulo
Email: amanueloljira790079@gmail.com

SEENSA

Egaa akkuma beekamu waanti kunuunfamu ni gabbata. Kan hacuucamu akkuma huuqqatu jechuudha. Maaree, dhugaanis yoo namootni isaaf falman jiraatan ni furdata. Yoo hin jiraannemmoo ni huuqqata. Yoo dhugaan huuqqatu sobatu furdate jechuudha. Eeyyen haala qabatamaa yeroo ammaa kana yoo ilaalle dhugaan bakka hedduutti argaa dhageettii dhabee yoo sobni saffisaan babal’atu argina. Akkasitti dhugaan huuqaate namoota dhokataa jira.
Osoo namootni baayyeen soba dhiisanii dhugaa hordofanii silaa jireenyi akka amma kana hin qaala’u ture. Kan jireenya hammeesse, sababa namootni dhugaa se’anii soba hordofaniifidha. Eeyyen namootni danuun dhugaa se’anii soba jala fiigaa oolu. osoo hin hubatin yeroo ammaa kana namootni hedduun dhugaa se’anii soba hordofaa oolu. OSoo namni dhugaaf falmee silaa sobni dhugaa fakkeeffamee hin dagaagu ture. Nama danuutu hordofaa jira jechuun ammoo sobni dhugaa ta’e jechuu miti. Sobni sababa namoota danuu of jala hiriirsaa jiruuf dhugaatti jijjiiramuu hin danda’u. Akkuma dhugaan yoo nama isa hordofu dhabes soba ta’uu hin dandeenye jechuudha. Walumaa gala barruun kunfalmii namoota gidduutti bifa garaa garaan adeemsifamu irratti kamtu dhugaadha jedhee ilaalcha ilaalchaan ilaala. Kamtu kam akka ta’e ammoo nama dubbisuuf deebii dhiisa. Namni barruu kana dubbisu waantota soba jedhamanii ibsaman hundi soba qofa akka hin taanee fi kanneen dhugaadha jedhamanii amanamanis dhugaa akka hin taane akka xiinxaluuf haala mijeessa. Eeyyen kunoo atis kitaaba qaalii Falmii Dhugaa geggeessu kanarratti akka hirmaattuuf baasii malee affeeramtee jirta. Falmii gaariin siif hawwa!. Dhugaa jal’ateef falmi!

Dubbisa gaarii!

Dhugaa

Namootni hedduun yeroo isaan “ ani dhugaafan jiraadha; ani dhugaafan du’a; ani dhugaafan duula; ani dhugaafan falma ; ani dhugaa arguun fedha fa’a” jedhan dhaga’uun waanuma barameedha. Haalli kun ammoo namootni dhugaaf bakka guddaa akka qaban namatti mul’isa. Kanaafuu dhugaan namoota biratti hedduu qaalii ta’uu isaati. waanti qaaliin ammoo hanga barbaadamuun hin argamu. Qaalii ta’uun isaatuu sababuma hanga barbaamuun argamuu dhabeefidha. Gama biraan dhugaan qaalii ta’uun sababa sobni namoota gidduutti heddummateef ta’uu mul’isa. Kanaafuu dheebuun dhugaa kun namoota waan miidhe fakkaatee mul’ataa jira. Maarree namuu dheebuu dhugaa kana dharraa ba’uuf jecha yeroo isaan hanga lubbuu dhabuutti dhugaa arguuf iyyaafatan argaa-dhageettiin woyii gurra nu lixuu hin ooltu. Maarree egaa anis ta’u atis gatii dhugaa kana tilmaamuu ni dandeenya. Eeyyen dhuguma! Dhugaadha! Dhugaan namootaaf qaaliidha! Jechuu qofa osoo hin taane dhugaa sirrii ta’uu isaa ammoo mirkaneessuun dirqama jedheen amana. Ati hoo? Egaa dhugaan huqqatus furdatus yeroo hunda dhugaa ta’ee kan jiraatu ta’us, kan nama gaddisiisu garuu waanti dhugaadha jedhamee namoota gidduutti beekamaa jiru hundi dhugaa ta’uu dhabuu isaati.
Eeyyen,dhugaan namootaaf qaaliidha jenneerra. Namootni dhugaa dheebotan dhugaa argachuu qabus jenne. Haa ta’uu garuu dhugaan namootni dharraa ba’uuf dheebotan kun dhugaa akkamiiti? ‘Dhugaa’ innumti jedhamu kun maali? Gaaffileee jedhan deebisuun, marii barruu kana keessatti taasifamu hunda hubachuuf daran nu gargaara. Kanaafuu waa’ee”dhugaa” dhugaa jiru hubachuu irraa yoo eegalle woyya! Maarree nutis achumaan dhugaa hubachuu eegalla!
Egaa haala qabatamaa yeroo ammaa irraa ka’uun dhugaa namootni “ kun dhugaadha” jedhan dhugaa isa kamiin akka ta’e kanneen armaan gadii keessatti madaaluu haa yaallu. Isaanis:-

  1. Dhugaa uumamaa fi
  2. Dhugaa walii galteeti

Dhugaa uumamaa( dhugaa sirrii) kan jedhamu yoo waantotni dubbataman yeroo hunda dhugaa ta’an qofa. Kun kan ibsu waanti tokko soba ykn dhugaa sababa jedhameef osoo hin taane dhugaa ta’uun isaaa kan mirkanaa’u yoo ta’e qofadha. Gama biraan, waantotni warqee fakkaatan yoo jiraatanis sibiilli warqee yeroo mara warqeema. Jechuun Sibiilotni biroon warqee fakkaatanis, warqee ta’uu hin danda’an jechuudha. Garuu maqaan warqee tarii ‘gold’; warqee; ‘warq’ fa’a jedhamee moggaafamuu mala. Kun ammoo moggaasa maqaa malee maalummaa kan ibsu miti. Maqaa jijjiiruun sibiilicha jijjiiruu matumaa hin danda’u. Kanaafuu sibiilichi yeroo mara sibiilichuma. Yeroo hunda warqeen warquma jechuu kooti. Dabalataan sanyii namaaf kan mucaa ulfaa’ee dhalu ykn dahu dhalaadha. Kanaafuu, dhiirri ni ulfeessa malee hin ulfaa’u, ni dhalcha malees hin dhalu. Dhugaa sirrii ykn Dhugaa uumamaa inni jennus kanuma. Osoo sangaan lakkuu dhale siin jedhanii, silaa soba ta’uu isaa tilmaamuun sin dhibu jechudha. Mitiiree? Egaa kun dhugaa uumamaati.
Waanti dhugaa jedhamu kan biroon ammoo Dhugaa namtolchee ykn walii galtee namootaan uumamaniiti. Isaan kun uumamaan argaman osoo hin taane, dhugaa namtolchee ykn walii galtee namootaan tolfamaniidha. Dhugaa kanas gosa garaa garaatti qoodnee akka armaan gadiitti ilaaluu dandeenya:-
Dhugaa Saayinsii:- Fknf: 1+2=3. Idaa’amni lakkoofsa kanaa dhugaa dha. Kunis sababa walii galtee ta’eefidha. Osoo jalqaba tartiIbni lakkoofsaa 1,3,2,4 jedhamee akka lakka’amu itti waliigalameera ta’ee silaa ta’ee, silaa 1+2=3. Soba, 1+3=2 ammoo dhugaa ta’a ture.
Dhugaa amantaa:- Fknf Waaqni nama uume jedhu. Haala kanaan Kiristaaanaa fi Isilaamni waaqni jalqaba Addaam/Aadam fi Hewaan/Hawwaa uume jedhu. Kanas waaqni Addaamiin dhoqee irraa uume jedhanii amanu. Hewaniin ammoo lafeee cinaacha Addaam keessaa fuudhee uume jedhu. Kun isaaniif dhugaadha. Gama amantaa Waaqeffannaa Oromootiin ammoo waaqni jalqaba bishaan irraa nama uumeetu, bakka lamatti gargar mure. Inni mirgatti kufe Horaa, isheen bitatti kuftemmoo Hortuu jedhaman jedhaniitu amanu. Kunis amantaa waaqeffannaa Oromoof dhugaadha.
Walii galtee namoota dhuunfaafi garee:- fknf gareen siyaasaa tokko seera/heera mataa isaa baafatee kan ittiin bulu yoo ta’e. Murtiin seeraa kamuu dhugaa seera baafamee sanaan ilaalamee murama. Jaalallee lama gidduuttis waadaan waliif seenan akkaataa walii galtee isaaniitiin xumurri isaa dhugaa ta’uu fi dhiisuun isaa murteeffama.

Soba Dhugaa Fakkaatu

Addunyaa amma keessa jirru keessatti kan leellifamaa/hordofamaa jiru baay’een isaa sobadha. Sobni kun ammoo dhugaa fakkeeffamanii ibsamu. Kanaaf namootni hedduun dhugaa se’ee mana sobaa keessa joonja’aa oola. Kanaan sobni dhugaa fakkaatee namoota hedduu biratti dagaagee mul’ata. Sobni dhugaa fakkaatu kun dubbii namootni soba dhugaa fakkeessanii dubbataniin ibsama. Fakkeenyaaf: Asoosama, jiraachuu Seexanaa (Bulguu), akkasumas namootni ‘budaa’ jedhaman jiraachuu isaanii fa’i. Kanneen akka Film( theatre) fi abjuun irriba keessaas sobuma dhugaa fakkaatan kanneen jalatti ramadamu.
Akka rakkoo jabaa isa yeroo ammaa biyyoota garaa garaa mancaasaa jiruutti fudhannee yoo ilaalle, sobni dhugaa fakkeeffamu inni ijoon dubbii siyaasaati. Daldala siyaasaaf jecha namootni yeroo isaan sobaan dhugaa, dhugaan ammoo soba jedhanii media hawwaasaa garaa garaa irratti ololaa oolan daran ifee mul’ata. Daldalli siyaasaa kun isa yeroo ammaa biyya keenyas ta’e biyyoota addunyaan taphataa jirudha. Eeyyen namootni siyaasaa muraasni dhugaaf kan falman jiraatanis, baay’een isaanii soba dhugaa fakkeessanii siyaasa isaanii namootatti gurguratu. Soba dhugaa fakkeessaniitu taayitaa qabachuu fedhu. Kanaan ammoo qabeenya hedduutu manca’ee lubbuun danuun badaa oola. Dalagaan namoota akkanaa anummaa odeessuudha. Anumatu caala, Anumatu siif beeka fa’a jechaa ooluudha. Isaan biratti ati sanyii abaaramaadha. Wallaalaa sigodhu. Innumti ganda isaanii qofti beekaa fi hayyuu ta’uu himatu. Inni kaan sanyii badii kan hoomaattu hin galle godhanii odeessu. Kan fedhan abaaru, kan fedhan ammoo ni eebbisu. Beekamtii namummaas isaantu namaaf hira. Yoo fedhan harree siin jedhu. Kan fedhaniin goota jedhu. Gootni isaaniif nama falmee du’e, kan reebamee fi kan hidhame fa’adha. Namni beekumsa fayyadamee qabsoo dhoksaa geggeessu bitamtuu jedhamee ibsama. Nama akkanaa irraa yoo fedha sanyii mulqanii sanyii kan biraa badhaasu. Eeyyen dalagaan namoota siyaasaan daldlanii kun soba dhugaa fakkeessuu waan ta’eef nama dhugaaf falmu tasumaa hin fedhan. Nama dhugaa mogolee cabsanii akka inni usee taa’u taasisu. Isaan kun warra gowwaa qofa gowwomsaa ooluu fedhu. labsii garaa garaa kan akka: Dhumteetta! Baddeetta! Ka’i !Taa’i! fa’a jedhu labsaa oolu. akkasitti namaan taphataa oolu. lubbuu namoota qulqulluu dhangalaasisaa oolu. Lubbuun wallaalaa fi dhiigni dhangala’uu isaan hin dhibu. Kana godhanii ammas boo’icha daldalaa boo’u. Yoo fedhan isa bardheengaddaa eebbisan baranammoo deebisanii abaaru. Garuma gabaan ho’ite oolu. Isaanoo daldalaaf malee dhugaaf hin falman. Isaan kana makmaaksa isa Oromoon “sareen lafuma nyaattuu dutti” jedhutu ibsa. Namootni soba dhugaa fakkeessan kun qooda tokkummaa garaa garummaa labsu. Qooda jaalalaa jibba finiinsu. Isa laga gamaafi gamanaa gareen hiranii walitti bobbaasu. Qooda tokkummaa addaan faffacaasu. Isaaniif kun tapha. Taphicha mo’annaan ittiin duroomu. Siifan falma jedhu malee dubbiin dubbii daldalaati. Siyaasaa ittiin duroomuuf tolfataniidha. Egaa siifan falma, siifan du’a, siifan jira jechuun kun baay’een isaa ija siyaasaan yoo ilaalamu soba ta’uu isaati. Sobni kun ammoo dhugaa fakkeeffama. Amantaa fa’a da’oo godhataniitu gocha badii kana raawwatu. Eyyen akkasuma siyaasni danuun soba. Dhugaa fakkaatetu ibsama. Gowwaanimmoo ni gowwoma!

Falmii

Adunyaa kanarra walfalmiitu heddummata. Falmii kana keessaa inni guddaan waa’ee jiraaf hin jiruuti. Gariin yoo hin jiru jedhe, gariin ammoo jira amantaa jedhuun falmiif dhiyaata. Garuu waanti ajaa’iba namtti ta’u gareen lameenuu waan jira ykn hin jiru jedhan kana baayyee isaa sababa ijaan arganiif miti. Waanuma itti fakkaate dudubbatu malee. Fakkeenyaaf waantotni jira ykn hin jiru jedhamanii falmiif dhiyaatan muraasni waa’ee seexana/bulguu; waaqa; jireenya du’a boodaa fa’a kanneen jedhamaniiti. Eeyyen namootni kan seexanni jira jedhan ijaan arganii osoo hin taane, waanuma akka barsiisa amantaa fa’a bu’uura godhataniiti. Du’a booda jireenyi akka jirus amantaamaan ykn barsiisa wayii amananiiti malee du’anii ka’anii hin argine. Garuu kanneen amanan jiraachuun wantoota kanneenii dhibbaa dhibba sirriidha jedheenituma amanu. Shakkii homaatuu hin qaban. Namni tokko isaan keessaa falmii faallaa yoo qabaate ati ni maraatte ittiin jedhu.
Waantota jira ykn hin jiru jedhamanii falmiif dhiyaatan keessaa inni kan biraan ammoo waaqa isa jedhamuudha. Warri amantaa amanan waaqni jira jedhu. Namootni saayinsii amanan ammoo waaqni hin jiru jedhu. Namootni akka Ooshoo fa’an ammoo waaqni jira ykn hin jiru kan jedhu irratti walfalmiin hin barbaachisu, sababiin isaa waanti ture amma hin jiru jedhu. Waaqni yoo kana dura kan jiru ta’e, amma du’eera jechuu isaaniiti. Akkuma saantimni tokko fuula lama qabuuti jedhanii ibsuu yaalu. Kana jechuun saantimni tokko fuula lama(dugdaaf garaa) malee jiraachuu akkuma hin dandeenye , waanti dhalate kamuu ni du’a jechuu isaaniiti.
Egaa namuu falmii kamiif ragaa ni dhiyeeffata. Garuu bakka falmiin jiru hundatti namni dhugaa sababa qabuuf yeroo hunda ni injifata jechuus miti. Dhugaa qabduun falmitee mo’achuuf murteessaan nama ati waliin falmituudha. Namootni soba dhugaa fakkeessuu malan ni jiru. Gariin osoo dhugaa beekanii jal’isu. Gariin ammoo osoo dhugaa beekanii callisu. Keessumaa waanti falmamu tokko yoo aadaa, barfataa fi amantaa naannoo sana jiru waliin wal hin fudhatu ta’e, falmiin sun ni jibbama. Ni callifamas. Namootni waan ta’e tokkoon jira jechaa yoo kan guddatan ta’e, atimmoo adeemsa saayinsii hordoftee yoo hin jiru ittiin jettee falmite, dhugaa saayinsii amansiisuuf ni rakkatta. Waanti nama raaju garuu waa’ee namoota saayinsii baranneerra ofiin jedhaniiti. Namoota baay’eetu nuti namoota saayinsiiti, Piroosoofera, Dooktora galamalee fa’a ofiin jechaa oola. Namootni akkasii kun baayyeen isaanii mana amantaa keessaas qooda qabu. Isaanumatu waaqayyo jira, seexanni jira, du’a booda jireenyi bara baraas ni jira fa’a jedhee amantoota burjaajessaa oola. Kan nama ajaa’ibu garuu akkamiti namootni barumsa ammayaa baratan, barumsa amantaa isa yeroo barumsi idileen hin jirre namoota hin baranneen uuman sana amananii lallabuu?
Gochi kun dhugumatti namootni hagamuu saayinsii yoo baratan ilaalcha aadaa, amantaaa fi naannoo isaaniif dursa akka kennan namatti mul’isa. Namootni akkanaa saayinsii ni dhaggeefatan malee hin hubanne. Akkamitti namni ani nama saayinsiiti ofiin jechaa, mana amantaammoo deeemanii waaqa isa saayinsiin hin jiru jedhuun isaan jira jedhanii amanu? Kan jedhus gaaffiin ni kaafama.
Walumaa gala falmii jira ykn hin jiru jedhuuf namootni waanuma ragaa itti fakkaate dhiyeeffatu. Garuu dhugaan isa kami kan jedhu yoo ilaalle, waaqni jira ykn hin jiru jedhamu kun isa kami? Waaqa isa nama uume moo isa namni uumedha? Ati maal jetta? Deebii kee situ beeka.
Addunyaa kanarra qorannoon tokko tokko akka ibsutti amantaa 4200 olta’an akka jiraniidha. Egaa erga amantaan hangi kun jiraatee waaqnis 4200 ol ta’us jirachuu isaati. Mitiiree?
Ani akka ilaalcha kiyyaatti warra waaqni jira jedhuun hin mormu. Eeyyen waaqni 4200 ol ta’an ni jiru. Tarii namootni dhagaa bocanii kun waaqa kooti yoo ittiin jedhan dhagaan boocame sun waaqa isaaniiti. Kanaafuu waaqni sun ni jira. Yoo waaqni koo qilleensa/afuura jedhanii itti amananis qilleensi ni jira. Erga namootni qilleensas ta’e dhagaan kun waaqa kiyya jedhanii maaliifan waan dhuguma jiruun hin jiru jedharee ani? Eeyyen qilleensis dhagaanis ni jira. Qilleensi waaqa warraa sanyii namoota Arbeessuu jedhamanii yoo ta’e, Dhagaan ammoo waaqa sanyii warra Ukukkubsee jedhamanii ta’uu danda’a. As biratti waaqni warra Arbeessuus ta’e kan warra Ukukkubsee waaquma. Waaqni inni tokko mo’ataa inni tokkommoo mo’amaa hin ta’u. Waaqa isa tokkoon qulqulluu, kaaniin ammoo xiraawaa jedhanii qooduun haqa miti jechuu kooti. Waaqni warra waaqessuuf waaquma. Fakkeenyaaf ani ammuma waaqa fi amantaa kan dhuunfaa kiyyaa uummachuu nan danda’a. Amantaan uummadhe kanammoo akka armaan gadiittan sibarsiisa ykn sin beeksisa. Amantaan ani uummadhe Jaalala jedhama. Waaqni kiyyammoo Gaarii jedhama. Animmoo ergamaa waaqa kiyyaati. Kanaafuu nattis waaqa kiyyattis amantaa koottis yoo feete amani. Feetu dhiisi. Sababa amanteef waan badhaafamtus waan adabamtus hin qabdu. Waaqa kiyya yoo amante fedhaan/jaalalaan amanta. Waaqni kiyya nama jaallata. Nama hin miidhu. Namas hin gubu. Ani waaqa nama gubu hin qabu. Waaqa nama gubuttis hin amanu. Waaqa kiyya sababa sodaataniif itti amanu miti. Sababa inni gaarii namaaf ta’eef yoo gaarummaa isaa jaallattanii itti amanan malee.
Walumaa gala waaqni innan uummadhe anaaf jira. Hin jiru jettee nafalmuu dandeessa. Sun dhimma keeti.

Golgaa

Golgaan haguuggii woyii kan waantota isa duuba ykn isa keessa jiran akka hin mul’annetti dhoksuuf fayyaduudha. Namootni waanta ta’e tokko akka ijaan hin mul’anne dhoksuuf golgaalee kanneen akka huccuu, mukaa, biyyee, dhagaa fi sibiilaa fa’a irraa uumamanitti fayyadamu. Namoota qofaa miti uumamaanis gariin golgaalee kunneenii, waantota dhokachuu hin malle baayyee dhoksanii jiru. Waantota isaan kanneeniin golgaman ijaan arguuf ammoo golgaalee kanneen saaquu nama gaafata. Yoo waantota golgaalee kanneeniin haguugaman saaqan waantota isaan duuba ykn isaan keessatti haguugamanii jiran ija uumamaan arguun ni danda’ama jechuu kooti. Kana jechuun garuu ija uumamaan waantota dhokatan hunada ni argu jechuu miti. Kanneen ija uumamaa qofaan mul’achuu danda’antu argama jechuudha malee. Waantotni ijaan hin argamnes meeshaalee kanneen akka ‘microscoppii fi telescoppii’ jedhaman fa’an argamuu akka malanis dagatamuu hin qabu. Egaa armaan olitti kan ilaalaa turre waa’ee waantota golgaalee ijaan argamuu malan duuba jiraniiti.
Haa ta’u malee namni waan hunda hubachuuf ijaan arguu qofatu dirqama jechuus miti. Arguun waa lama:- Inni tokko ija uumamaan ilaalanii arguu yoo ta’u, inni lammataa ammoo sammuu keessatti xiinxalanii maaltu eessa akka jiru hubachuudha. Argaa lameen jalaa garuu waa dhokachuu akka danda’us hubachuu barbaachisa. Waanti agartuu ijaa dhokatu sababaalee waantotni dhokatan golgaalee akka;- huccuu, mukaa, biyyee, dhagaa,sibiilaa fi fageenya fa’iin dhokfamaniifidha. Kan argituu sammuuu dhokatan garuu sababa golgaalee xiinxala sammuu haguuganiitiini. Isaan kun kanneen ilaalcha sammuu jaamsaniidha. Isaan kana saaquuf ilaalcha golgame saaquu qabna. Ilalchi golgame kun isa duuchaamatti jira ykn hin jiru; ni ta’a ykn hin ta’u; gaarii ykn badaa; qulqulluu ykn xiraawaa ta’uu waantotaa murteessuudha. Hubadhu waantota golgaa ilaalchaan golgaman kana duuba jiran hubachuuf dura heyyema ilaalchaa sigaafata. Fakkeenyaaf, golgaa ilaalchaa isa waaqa haguugee jiru yoo fudhannee ilaalle, Gaaffilee kannee akka “waaqayyo maali? Eessa jiraata? Nama akkamittiin uume? Isahoo maaltu uume? Yoom? Eessatti? jedhan duuba maaltu jira jedhanii gaafachuu dura, Gaaffileen kun sirriimoo miti? Gaaffilee kanneen gaafachuun ni danda’ama moo hin danda’amu? Gaaffileen kunniin qulqulluu moo xiraawaadha? Fa’a jedhanii ilaalcharraa heyyema fudhachuu nama gaafata. Egaa yoo ilaalchi kee gaaffii isa ati waa’ee jiraachuu waaqaa gaaffatuun ni morma ta’e, waa’ee waaqaa xiinxaltee hubachuuf ni rakkatta. Sabani ammoo baruun ykn hubachuun gaaffii fi sakata’uun eegala waan ta’eefidha. Waa’ee waanta kamii hubachuuf jalqaba golgaa isa haguugee jiru duuba maaltu jira jettee erga xxinxaltee booda sakata’uu si gaafata. Sakatta’uun ammoo ijaan yookaan xiinxala sammuun ta’uu isaa hin dagatin! Walumaa galatti golgaan kan ijaan aragmaniifi kan hin argamneetti qoodama. Golgaan ijaan hin argamne isa ilaalcha namootaa haguugee jiruudha. Isuma gaafatanii hubachuu nama dhorkufaa sani. Isa duuchaamatti hin ta’u! Ni ta’a! Qulqulluu ykn, xiraawaa!; Sirrii ykn Mitisirrii! jedhu fa’i. Eeyyen isumatu barumsa nudhorkee beekumsa nutti hir’isaa ture, ammas ittuma jiru. Golgaaleen ilaalchaan numudatan kuniinn hanga maddi isaanii gogutti furmaatni waaraan hin argamu. Eeyyen waa’ee waaqaa sirriitti hubachuuf jalqaba golgaalee waaqa isa jedhamu sana haguuganii jiran saaquu nama gaafata. Sana saaquuf ammoo dursa duuba isaa maaltu jira? Maal fakkaata? Fa’a jedhanii gaafachuun dursu. Waanti jedhamu hunduu dhugaa miti. Hundis soba ta’uu hin malu! Mitiiree? Waaqni jiramoo hin jiru? Isa kamtu soba kamtummoo dhugaadha? Qoradhuutii hubadhu! Golgaa saaqi siin jechuu kooti!

Abaarsa

Abaarsi faallaa eebbaati. Kan jibban abaaru. Kan jaallatan ammoo ni eebbisu. Yoo abaaran:- Fijiji! quxunaa’i! Badi! Sanyiin kee haa badu! Rakkadhu! Namaa gadi ta’i! Raata’i! fa’a jedhu. Yoo eebbisan ammoo:- Ol-lati! Lalisi! Dagaagi! Gaarii malee hamtuun sin argin! fa’a jedhu. Abaarsas ta’u eebba woyii duuba miiratu jira. Yoo gammadan ni eebbisu. Yoo dallanan ammoo ni abaaru ykn ni arrabsu. Abaarsi akkuma armaan olitti kaafne waan badiisaa namaaf hawwuudha. Arrabsuun ammoo maqaa jibbamaa woyii namatti moggaasuudha. Abaarsis arrabsoonis miiruma dallansuu agarsiisa. Nama gadheedha jedhanitti maqaa akka:- harree; saree; waraabettii; waangoo fa’a moggaasu. Nama jejaniin ammoo; leenca; qeerransa fa’a jedhu. Nama qulqulluun ykn gaarii jedhaniin: hoolaa, guugee fa’a jedhu. Nama cubbamaa jedhaniin ammoo bofa fa’a jedhanii maqaa itti moggaasu.
Arrabsoo fi eebba armaan oliitti ilaalle kanarraa kan hubannu, namootni kan jibbanii ykn jaallatan namoota qofa akka hin taaneedha. Fakkeenyaaf nama jibbaniin harree jedhanii nama jaallataniin leenca yoo jedhan, harreen tuffatamtuu taatee, leenci ammoo jejamaa ta’uu isaa hubanna. Gama kanaan yoo ilaalle namootni waan abaaramuu qabu eebbisanii kan eebbifamuu qabummoo eebbisaa jiraachuu isaanii argina. Silaa Leenca isa nama nyaatu moo harree isa namaaf baatutu jejamuu qabaree?
Egaa namootni waanta abaaranis ta’e kan eebbisan miira haarii ykn miira gammachuun guutamaniiti malee, xiinxalanii arrabsu ykn eebbisu miti. Namootni baayyeen waanta har’a abaaran bor ifataan yeroo isaan deebisanii eebbisantu mul’ata. Gochi akkanaa kun hubannaa dhabuu irraa madda. Yeroo hedduu namootni nama abaaran namoota hubannaa hin qabne ykn beekumsi itti hir’atu biratti mul’ata. Beekaan yoo jaallate ni eebbisa yoo jibbemmoo ni callisa malee nama hin abaaru. Beekaan dubbii filatee dubbata. Innoo waanta dubbatu waan qabuuf dubbii dubbata malee dubbachuu waan qabuuf dubbii hin dudubbatu. Beekaan yoo miiraan guutames akkaataa miira isaa ittiin hogganu sirriitti qajeelchee beeka. Miira haariitiin guutamee nama itti dallane tokkoon Harree; waangoo; saree fa’a jedhee laagaa of hin ciru. Yoo danda’e suuta haasaan amansiifata. Namni kamuu akkuma isaa miira akka qabu hubata. Nama abaaruun hamilee namaa cabsuu akka ta’es beeka. Nama abaaranii duub-deebii isaa ammoo eebba akka hin argannes bareechee hubata. Wal arrabsuurra wal gorfachuu, akkasumas garaa garummaa dallansuu uume kamuu mariin furachuutti amana. Beekaan yaada malee nama hin jibbu. Gandummaa fi anummaa osoo hin taane dhugaaf duula. Ofii abaaramuu waan hin feeneef, namootas abaaruu hin fedhu. Namni ofii isaatii harree jedhamee arrabsamuu hin feene, akkamitti harree jedhee namuma akka isaatii arrabsaree? Yoo dhugaa jiru dubbanne abaarsi maaliifuu hin tolu. Sammuun abaarsaan guutame eebbaaf bakka hin qabu. Abaartes eebbiftes jijjiirama argamsiisuu dhabuu dandeessa. Ta’us garuu abaarsarra eebba wayya. Qooda sammuu kee jechoota abaarsaan guuttu osoo jechoota eebbaa kuufattee bareeda. Isatu jaalala namoota gidduutti uuma. Isa wal dhabes walitti fida. Osoo akkas ta’ee silaa tokkummaa inni afaaniin odeessan ijaan argamuu eegala. Inni jibbamees ta’e jibbaaf akka bineensaa bosona taa’us silaa akkuma obbolaa isaa mana keessa jiraata. Jaalalli ykn eebbi waan balleessu hin qabu. Abaarsatu gargar nama fageessa. Osoo abaarsi badee, eebbimmoo jiraatee silaa diinnuu fira ta’a. Namootni waa’een jaalalaa galeef tokko tokko bineensota bosonaa warra hamoodha jedhaman kanneen akka leencaa fi waraabessaayyuu jaalalaan ofitti madakfatu. Nuun garuu jibbaafi abaarsatu dugdaaf garaa nu godhe. Beektota abaarsaa ta’uun kunoo akkana nama godha. Abaarsi haa abaaramu!

Budaa

Jechi ‘budaa’ jedhu nama biyya Itoophiyaa jiraatu tokkoof haaraa miti jedheen abdadha. Yoonan dogoggoruu baadheef ka’umsi jecha kanaa namoota kaaba biyyattii jiraatan biraa madde.
Kanas ta’u sana garuu jecha budaa jedhu kana namootni yeroo isaan waa lama ibsuuf fayyadaman argina. Inni tokkoffaan budaa jechuun akka nama waa beeku ta’ee yoo ibsamu, inni lammataa ammoo budaa jechuun nama nama nyaatu ykn sooratu ta’eetu ibsama. Egaa nama tokkoon budaa yoo jedhan namni sun tarii beekaa ta’uu isaati. Tarii ammoo nama nama kan biraa ajjeesee nyaatu ta’uu isaa ibsa jechuudha. Dubbiin ijoon barruu kana keessatti akka ilaalluuf yaadame garuu waa’ee isa namni budaa jedhamu nama nyaata jedhamee amanamuuti. Waanti kun dhugaadha moo soba falmii jedhu waliin ilaaluu yaallla jechuudha.
Waa’ee namoota budaa jedhamanii kana jiraachuu isaaanii qorachuuf namootas ta’e barruulee garaa garaa qorachuuf yaalii gochaan ture. Sababiin isaaammoo namootni maqaa kanaan dararaman hedduun naannoo ani keessa jiraachaa ture keessa waan jiraniifidha. Eeyyen namoota hedduutu sabababa kanaan manni itti gubata. Jibbamaas jiraata. Sanyyiin isaanii hin fuudhu ykn hin heerumu. Namootni budaa jedhamanii yoo altakko farajamnaan deebisanii garraamii hin jedhaman. Sanyiin sanyii isaaniis budaa jedhamanii hamatamu. Haala kanaan darararaa hedduun yeroo irra ga’u agarra.
Kanaafuu budaan jedhamu kun dhugaa moo soba? Jiramoo hin jiru? Jedhanii mari’achuun tarii rakkoo namoota sobaan farajamanii kana maqsuu mala. Akkuman duratti kaasuuf yaale namootas barruulee garaa garaas waa’ee budaa ilaalchisee qorachuuf yaaleen ture.
Namootni hedduun budaan jira jedhanii amanu. Akka ragaatti garuu waan dhiyeessan hin qaban. Sababuma hawaasa naannootiin akkas jedhamuuf akka amanan dubbatu. Namni budaa jedhamu waraabessa yaabee akka deemu namni argee beeku dur akka jiru fa’a odeeffannoo qoban dubbatu. Abalu budaadha maaaliif jedhama jettee yoo gaafattu tarii osoo waraabessi mana nama sanaa keessaa ba’uu namni arge jira jedhanii fa’a siif ibsu. Namootni budaa jedhaman kunniin sababa araada dhiigaa ykn foon namaa qabaniif akka nama nyaattus namootni jedhan jiru. Gariin ammoo budaan jaallattee osoo hin taane afuura woyiin dirqamtee akka namoota nyaattu ni himu. Budaan jalqaba yeroo nama nyaattu nyaata woyiifaa namaa laatteee yeroo namni nyaaticha nyaatu nama ilaaltee nama qabatti fa’a jedhu. Kan biraan ammoo budaan yoo nama qabattu dursa rifeensa mataa nama keessaa buqqifatti fa’a jedhu. Gariin ammoo halkan irriba keessa mana qosoqqostee maqaa nama nyaachuu feetee sana waamti jedhu. yoo namni sun jalaa awwaate battaluma sana qabatti. Garuu yoo jalaa callisan nama qabachuu hin dandeessu jedhu. Namootni bayyeen budaan yeroo nama nyaattu dura lubbuu fayyamatti nama keessaa baaftee harkatti galfatti jedhanii amanu. Sana booda namni sun du’ee erga awwaalamee boolla keessaa kaaftee, fayyiftee, qalattee akka nyaattu fa’a ibsu.
Namoonni budaatu nyaate jedhamanis jalqaba ni dhukkubsatu. Akka budaan nyaatte ykn hin nyaannes qaalluun addaan baasee himuu danda’u jira jedhanii namootni naaf himanis jiru. Qaalluun jedhamu kun ammoo namoota amantaa garaa garaa keeessatti argaman kanneen akka:-raajii, qeesii fi sheekii jedhaman fa’a dabalata. Namootni budaan isaan nyaatte mallattoon isaan ittiin ibsaman keessaa muraasni:-Jalqaba osooma fayyaa jiranii gidduutti tasa dhukkubsatu, akkasumas namootnini sirrii turan ni raata’u fa’a jedhu.
Namootni hedduun namni budaan nyaatte mana yaalaa deemee hin fayyu jedhanii amanu. Kanaafuu nama budaan nyaatte fayyisuuf budaa ishee nyaatte barbaadanii billaa itti mirmirsanii(sodaachisanii), Tufi! ittiin jedhaniitu tufsiisu jedhan. Kana gochuuf ammoo nama nyaatame sana dursa aara woyii itti ulaniitu, eenyuutu sinyaate himi! Ittiin jedhanii lafallafsiisu jedhanii naatti himan. Yoo inni namuma safaraa beeku tokko maqaa waame, namni sun budaa isa nyaate sana ta’uu isaati. Egaa kun hunduu deebii ani waa’ee budaa ilaalchisee namoota qoradherraa argadheedha.
Gama saayinsiin ammoo yoo ilaalle, namni dhukkubsatee kan lafallafu sababa sammuun isaa waan ta’e tokkoon tuqameedha. Fknf gosti dhukkuba busaa kan’ plasmodium falciparum’ jedhamu yoo nama qabe, rakkoo ‘cerebral edema’ jedhamu namatti fida. Rakkoon kun ammoo sammuun namaa akka tuqamu taasisa. Yeroo kana namni dhukkubichaan qabame tokko osoo hin beekin maqaa namoota beekuu waamee abaaruus eebbisuus ni mala. Egaa gama kanaan yoo ilaalle namni budaatu nyaate jedhamu nama dhibee busaa kanaan qabame ta’uu isaa nama shakkisiisa. Namootni akkasii kun yoo mana yaalaa deemanii daawaa dhibee busaa ‘quinine’ jedhamu fudhatan ni fayyu. Kanaafuu saayinsiin namootni nama nyaachuu akka danda’an hin barsiisu. Ragaanis hin jiru. Haa ta’u malee akkan miidiyaalee hawwaasaa tokko tokkorraa odeeffannoo argachuuf yaaletti namootni tokko tokko sababa baayyina annisaa(energy) qaama isaanii keessaa qabaniif jecha nama hubuu akka danda’anidha. Fknf namootni akkanaa yoo ampoolii ibsaa harkaan qaban ifa maddisiisuu danda’u jedhama. Yoo isaan harkaan ykn qaama isaaniin nama tuqan, akka waan elektrikiin nama qabee ta’u jedhama. Yoo nama ilaalan annisaa iji isaanii keessaa ba’uun qaama namaa keessa waantota jiru hunda arguu akka malan fa’atu odeeffama. Akkuma ‘X-Ray’ isa jedhamuu sana jechuudhaam. Walumaagala jechoota ani waa’ee budaa ilaalchisee walitti qabadhe muraasni kanneen armaan oliiti. Haa ta’u malee budaan jira ykn hin jiru jedhee murteessuuf hin dandeenye. Kun ammoo sababa waa’ee budaa kana ilaalchisee mudannoon woyii naquunnamee turerraan kan ka’e ta’uu isaati.

Yeroon isaa bara 2006 A.L.A ture. Yeroos kutaa 5ffaan baradhan ture. Intalli tokko kan waliin barannus umuriin ishee tilmaamaan yeroo sana naannoo waggaa 25-30 ta’a. Yeroo sana umurii gudda haganaa namni qabu kutaa keenya keessaa ishee qofa ture. Intala kana ijoolleen kutaa keenyaas ta’e kan biroon bakka isheen jiraattutti ishee beekan ‘budaadha’ jedhanii hamatu. Haa ta’u malee intalli sun baayyee nama jaallachuu baay’isti. Kanaafuu ani amala gaarii malee hamaa irratti argee hin beekun ture. Kanarraa kan ka’e ijoollee budaa jedhanii ishee hamataniin, ‘namaan budaa hin jedhinaa dhiisaa’ jedheen ijoollee budaa ittiin jedhaa turan sana hunda dheekkamaa ture. Kanas ishee dhoksinee waan haasofnuuf jecha isheen quba hin qabdu turte. Ani ammoo kutaa keenya keessaa barumsaan tokkoffaa waanan ba’uuf addatti najaallatti turte. Kanaaf jechas naannoo ani taa’utti siqxee barcuma fuuldura koo jirurra intala tokkoo wajjin teessi turte. Guyyaa tokko kutaa seennee herrega barachaa jirra turre. Hunduu barsumsa barsiisaa herregaa sana hordofaa ture. Kana gidduutti intalli isheen budaa ittin jedhan sun osoo isheen hiixattee harka hannaan sodaachaa kara duubaa rifeensa mataa kan intala ishee bira jirtuu sana kutuuf hiixattuun arge. Yeroo sana hedduun rifadhe! Waanan godhun wallaale. Sababa isheen ana dura jirtuuf anumatu arge malee namni argu hin turre. Hanga isheen sodaachaa harka hiixattee deebiftu kana maal akkan godhun yaadaa ture. Garuu osoo hin turin intala isheen mataa irraa kutuuf jettu hiixadhee akkan tuquu qabu yaadni naaf dhufe. Gamanumaan hiixadhee intalattii tuqeetan qalama naaf ergisi! Ittiin jedhe. Isheen ammoo qalama tokko qofa kka qabdu naaf himte. Kanumaan intalli isheen budaa jedhamtu sun naatee akkan ishee arges hubattee gocha ishee sana dhiifte. Ergasii intala sanatti ani faaran itti baduu eegale. Osoo hin turin isheenumtuu mana barumsaa addaan kutte.

Egaa taateen namudate kun waa’ee budaa ilaalchisee qorannoon hanga har’aatti taasise hunda keessaa budaan hin jirtu jedhee murteessuuf kan narakkiseedha. Kun dhuguma gaaffii ta’ee natti hafe. Osoo rifeensa mataa intala sanaa kutatteetti ta’ee silaa maal gooti turte? Intalli isheen rifeensi ishee cituhoo akkam taati turte? Rifeensa sana dhuguma intala sana nyaachuuf irraa kutuu kaate moo waan biraaf ture? Siin osoo taateen akkanaa kun simudatee silaa maal murteessita turte? Waa’ee budaa ilaalchisee hoo ilaalcha akkamii qabda? Namootni budaadha jedhaman hunduu dhuguma budaadha jettee ni amantaa? Naannoo keetti namoonni budaa jedhamanii hamataman hin jiranii? Yoo jiraatan dhuguma budaa ta’uu isaanii ni amantaa? Budaan jirti moo hin jirtu?

Seenaa

Seenaan adeemsa namootni ittiin taaatee woyii dholoota barsiisuuf alka’aniidha. Seenaan kun bifa lamaan olka’amuu mala. Inni tokkoffaan bifa afoolaatiin yoo ta’u kan biraan ammoo bifa barreeffamaatiin ta’uu isaa yaadachuun barbaachisaadha. Eeyyen seenaan taatee bifa darbii darbootiin dhalootaa dhalootatti daddabarfamuuti. Yoo dhalootni seenaa wal harkaa fuudhee daddabarsu dhibe, seenaan ni dhokata. Seenaan barnoota idileenis ni baratama. Seenaan dhokate tokko yeroo woyii yoo nama barbaachise ammoo barbaadamee baareffamuus ni mala. Seenaan akkaataa namni seenaa himu dhalootaaf itti dabarsuu fedhe ta’ee ibsama. Seenaan nama barreesse fakkaata inni jedhamus kanumaafi. Seenaan yoo jallisan ni jallata. Yoo qajeelchanis ni qajeela. Yoo tuffatan ni tuffatama. Yoo faarsanis ni faarfama.
Seenaan baratamuu fi barsiifamu hundi dhugaa ta’uu dhiisuu mala. Namootni waan akka asoosama woyii seenaa dhugaa fakkeessanii namootaaf ibsan jiraachuu malu. Fakkeenyaaf barsiisni kitaabbileen amantaa tokko tokko barsiisan baayyeen isaa asoosama woyii fakkaata. Namootni garaa garaa lama osoo seenaa walfakkaataa ta’e tokkoo seenessuu eegalanii silaa gargar ta’uu malu. Kanaaf ammoo fakkeenyi wangeela amantaa kiristaanaati. Akka wangeela kanaatti, wangeelli namoota afuriin barreeffame jedhama. Wangeela keessatti namoota afurtu waa’ee waan tokkoo barreeffamaan seenessuu yaalaa ture. Seenaan sun waa’ee Yesuus Kiristoos ture. Namootni barreessan; Maatiwoos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis jedhamanii beekamu. Wangeela namoota kanneentu barreesse miti falmiin jedhus ni jira. Wangeelli barreeffame sun waa’ee yesuus dhalachuu isaa irraa hanga du’a isaatiitti waantota inni gochaa ture seenessuu irratti xiyyeeffata. Haa ta’u malee seenaan sun bakka hedduutti yeroo wal faallessu ifee mul’ata. Fakeenyaaf akka Maarqos barreessetti yeroon yesuus itti fannifame bari’ee sa’atii sadiitti ta’uu isaa ibsa(Mar.15:25). Maatiwoos ammoo guyyaa keessaa sa’atii ja’atti ta’uu isaa barreesse(mat 27:45). Seenaan waldhiitu akkanaa kun heduuutu kitaaba sana keessatti argama. Sabani ammoo seenaan barra’e sun yeroo garaa garaatti namoota garaa garaan barraa’uu isaati. Waanti barreessan sun kan ofii arganii fi kan namootarraa qoratan akka ta’es kitaabichumatu hima. Egaa kun gaaffii uumuu hin oolu. Seenaan sun dhugaa osoo ta’ee maaaliif gargar ta’a? Rakkoon kun kitaaba amantaa Islaamummaanis kanneen Hadiisa jedhaman keessattis danuu ta’ee mul’ata. Hadiisonnis Wangeela kiristaanotaa kanaa wojjin dogoggora seenessuutiin daran walfakkaata.
Egaa seenaan baratamus, kan katabamus, kan barsiifamus hundi dhugaa ta’uu dhiisuu malu. Kamtu kam akka ta’emmo isa baratuu fi barsiifamutu xiinxalee hubachuu qaba. Namootni seenaa dabsanii siyaasa garaa garaaf itti fayyadamuus ni malu. Fknf Namootni tokko tokko gosa Oromoos ta’u kan saba biraatti, maqaa inni hin qabne moggaasanii, seenaa dabsanii, ati kan keenya! Nutu sibita! Ati sanyii ta’u miti! Nuti sanyii filatamaadha! Atimmoo sanyii abaaramaadha! Ati bitamaadha! Nutimmoo bitaadha! Nuti sanyii qulqulluudha! Atimmoo sanyii xiraawaadha! Fa’a jedhanii seenaasaa jal’isanii, seera itti tumanii! Kitaaba itti barreessanii kitaabicharraa caqasa luqqisanii ibsa laachuu malu. Gowwaan seenaa jallatee barraa’e sana amanu ammoo isa isaan isa arrabsan caalaa of arrabsa. Kuush abaaramaadha. Seem ammoo eebbifamaadha jedheetu amana. Kanumarraa ka’eetu inni kuush ture sanyii isaa gara seemitti jijjiirrachuu fedha. Kanaaf ragaan ammoo isa yeroo namootni kuush ta’an of gananii, nuti israa’elidha! Yesuustu dhiigaan nu bitate jedhan fa’i. Hubadhu! Kana jechuun seenaa jallisuudha malee sabni kamuu bitamaa fi bitaa ta’ee hin uumamne. Kun siyaasa woyiis ni fakkaatti.
Ibsa dabalataa yoon siif dabale ammoo: Ilmaan Oromoo Booranaa fi Baarentuu jedhamu. Sanyiin isaanii gadaa shananiin qoodamu. Isaan kun, gadaa: Sabboo fi Goonaa; Maccaa fi Tuulamaa; Sikkoo fi Mandoo; Ittuu fi Hunbannaa; Raayyaa fi Azeeboo jedhamanii beekamu.
Gareen namoota armaan olii hundi jalqaba Oromoo turanis yeroo ammaa kana muraasni isaanii maqaa saba biraan waamamaa jiru. Isaanuu Oromoo ta’uu isaanii of irraanfataa jiru. Kunis daba garaa garaan uumame. Fknf Raayyaa fi Azeeboon Oromoo wallooti. Walloon Oromoota kaaba Itoophiyaa kana keessa jiraataniidha. Ta’us amma saba biraatti waamamaa jiru. Oromoo ta’uun isaaniis maqfamaa jira. Walloon daangaa amma Oromiyaa jedhamee sararamee jiru kanaan ala jiraataas jiru. Bakka isaan jiran kana Afaan Oromoo barsiifamaa hin jiru. Afaan Oromoo walloo keessaa kamisee qofatu fayyadamaa jira. Isaanuu Oromiyaa keesaa miti kan jiraatan. Rakkoon uumame kun maqsuuf fala jabaatu barbaachisa. Falli kun maal ta’uu qaba kan jedhuuf ammoo deebii siifan dhiisa. Ulfaadhu xumureera!

Contact The Developer
Developer: Wario Abbateke Telegram: https://t.me/WarioAbbateke Email: WarioAbbateke@my.uopeople.edu Phone: +251916637504 Website: www.borana.edu.et