Daandii Guddinaa

Geetuu Abarraatiin

Daandii Guddinaa

Getu Abera

JANUARY 01/2015

Kaayyoo Kitaabichaa

Namoonni karaa ilma isaa Yesuus Kiristoosin kan qopheesse karaa fayyinaa beekuudhaan wabii jireenya bara baraa mirkaneeffatan mana Waaqayyoo keessatti akkamitti guddachuun akka isaaniif ta’u argisiisuun kallattii guddina hafuuraa akka hubataniif faayidaalee isaa ibsuu fi amantoonni hundumtuu ergamtoota wangeelaa akka ta’an karaa gochuu danda’amu itti yaadamee kitaaba qophaa’e yommuu ta’u itti fufiinsaan wangeelatti amananii kan fayyan hundumtuu warra itti aananii amanan hojjetaa wangeelaa taasisuuf guutummaa humna waldaa kiristaanaa sochoosuun dhimmanii ciminaan akka hojjetan kaayyodhaan itti yaadamee kitaaba qophaa’e dha. Gooftaan yeroo gaarii akka isiniif kennu hawwii koo isa guddaa dha.

Waa'ee Kitaabichaa

Barruun kun kitaaba xinsammuu fi hafuuraa ti. Nama daandii jireenyaa dhugaa irra adeemuuf cimina hafuuraa ni kenna. Akkasumas, warra gara jireenya boqonnaa kanaatti hin dhufin immoo akka isaan karaa qajeelaa ta’e filatanii jireenya keessa jiran sana haareffatanii jiraataniif ni waama. Namni kitaaba kana dubbisu hundinuu erga dubbisee yookiin erga baratee booda jireenya jiraachuun ta’u namoota hin baratin biraan gahuuf adaraan itti kennameera. Mata duree Daandii Guddinaa jedhu kana jalatti mata duree xixiqqaan tarreeffamaniiru. Baruumsa kana namni kamiyyuu barachuu ni danda’a. “Inni karaa qajeelinaa irra hin jirre karaa isaa isa jal’aa haa dhiisu, gara Waaqayyoottis haa deebi’u.” Namoonni yaada isaanii wajjin walbira qabanii ilaaluu fi wanta isaan fayyadu baruumsa kana keessaa argachuu danda’u kan jedhu itti yaadamee qophaa’eera.

Kitaaba mata duree Daandii Guddinaa jedhu kana namni hundinuu dubbisee beekumsa haaraa fi dabalataa ofii isaatii argatee hiriyoota isaa, maatii isaa, waldaa isaa barsiisuuf akka of qopheessuuf adaraan itti kennameera.

Seensa

Ati sababa lafa kana irratti uumamteef gahee addaa qabda. Gahee kee utuu hin xumurin, bakka itti barbaadamteef sana utuu hin gahin akka hin darbineef yeroo hundumaa jireenya keetiif kunuunsa barbaachisu taasisi! Yeroo siif kenname guutummaatti itti hojjedhu! Akkasitti galma fiixan bahiinsaaf of qopheessita.

Namni adeemsa isaa Waaqayyoo wajjin godhatu jireenya ofii isaa irra darbee dhalootaaf eebba ta’a. Ati biyya lafaa kana irra hamma jiraattutti ofiidhuma keef jiraatta taanan dogoggortee jirta. Dhaloonni si booda dhufan si ilaalanii waan tokko si irraa akka barataniif gumaaacha gochuuf dhama’uu qabda. Kunis guyyaa guyyaatti daandii irra adeemtu qorachuu si barbaachisa. Wanta ati har’a facaaftu boru si’ii fi warra si booddeetu haammata.

Yaada Gulaaltotaa

“Kitaaba kana jalqabaa hanga dhumaatti irra deddeebi’ee dubbiseera; karaa hundumaan wanti isheen hin tuqne hin jiru. Ofii koof baay’een ittiin eebbifame. Dhalootaafis eebbaa fi hambaa taati jedheen amana. Namoota akkanaa kana Waaqayyo nuuf haa baay’isu. Ammas jabaadhu kitaabolee hedduutu si keessaan jira.”

(Tulluu Garasuu H/W fi barsiisaa Og-Waaqummaa Waldaa Halleluyaa Ebeen-eezar Magaalaa Asgorii)

“Namoonni karaa online (telegram) tajaajilli kee nutti toleera! Garuu yeroo hunda online galuu namoota hin dandeenyeef kitaaba bifa PDF tiin utuu nuuf maxxansitee jechuun yaada naaf dhiheessitan kunoo qindeessee isiniif dhiheesse! Barruun kun barruu hafuuraa fi xinsammuu kan ta’ee fi isa jalqabaati. Dubbiftoota Daandii Guddinaa fi milkaa’ina achi keessaa argamu beekuu fi bira gahuu barbaadaniif dhimmi ni baafti! Yeroo gaarii qabaadhaa!”

(Geetuu Abarraa – Barreessaa fi Saayinsii Komputeraa (BA))

Galata

Karaa hundumaan isa na gargaare Waaqayyo nan galateeffadha. Namoota kallattii adda addaatiin na cina dhaabatan Waaqayyo isin haa eebbisu jechuun barbaada. Abbaa koo Obbo Abarraa Onnataa, akkasumas obboleessa koo Daani’el Abarraa kabajaa jaalala guddaan isiniif qaba. Hiriyaa koo baay’ee jaaladhu Tahir Jawaro yeroo hundumaa akkan cimee barreessu yaadan na jajjabeessaa ture Waaqayyo bara kee haa eebbisu jechuun jaaladha. Akkasumas Abbabuu Badhaadhaa, Caroo Didhaa fi kanneen maqaan keessan asirratti hin dha’amin hundumtuu Waaqayyo bara keessan haa eebbisu.

Baafata

  1. Daandii Guddinaa
  2. Waa'ee Dhaloota Bara Si'anaa
  3. Hinaaffaa - Envy - ቅናት (መቅናት)
  4. Dargaggummaa
  5. Jireenya Jiraachuun Ta'u
  6. Dhaloota Dagataman Barbaaduu
  7. Qo'annaa Macaafa Qulqulluu

Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)

Daandii Guddinaa

Namoonni adeemsaaf yommuu karaa irra bu’an kallattiin adeemsa isaanii galma fiixaan bahiinsa qabu biraan isaan gahuu danda’uu isaa kan ittiin beekan keessaa tokko dursanii karaa isaanii sakkatta’uu fi mirkaneeffachuu qabu.

“Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira. Dhumni isaa garuu karaa du’aati.” (Fak. 16:25).

Karaan hundi milkaa’aa namatti fakkaateef yookiin immoo mijataa ta’eef irra adeemuun dhumni isaa kufaatii ta’uu danda’a. Daandiin Guddinaa karaa milkaa’inaa akkasumas sagalee Waaqayyoo irratti hundoofnee karaa ittiin milkaa’ina jireenyaaf dhugaa wangeelaa ittiin wal hubachiifnuu fi dubbii jiraataa sagalee Waaqayyoo waliin qayyabannuu fi waliif qoodnu dha.

“Ejjennaa namaa kan qajeelchu Waaqayyoodha. Namni karaa isaa gargar baasee hubachuu danda’aaree?” (Fak. 20:24)

1.1. Daandiin Guddinaa Kami?

Guddinni tattaaffii fi kaka’uumsa qabaniin milkaa’ina hunda caalutti darbuuf hiixachuudha. Guddina kallattii tokko qofaan ibsuun ni ulfaata. Kanaaf jecha guddina yommuu jennu guddina kallattii lamaanii, foonii fi hafuuratti guddachaa adeemuun akkamitti akka danda’amu bal’inaan ilaalla.

“Ati warra qajeelotaaf karaa ni tolchita. Daandiin isaan irra adeemanis akka wal qixxaatu ni goota.” (Isa. 26:7).

Jireenya kee jaaladhu! Yoo har’a cimaa taatee yaaddoo, haala rakkisaa mo’attee darbite guyyaa borii argita. Abdii kee biras geessa. Dhaloota daandii guddinaa irra adeeman haala rakkisaa darbanii ce’an haa qabaannu.

Guddinni isa kami dha? Sammuudhaan yookiin yaadan guddachuu, qabeenyaan guddachuu, hafuuraan guddachuu, fooniin guddachuu. Guddinni kan armaan olii hunduma ta’a. Akkaataa caalmaatiin yoo ilaalle immoo guddinni akkaataa tattaaffii fi kaka’uumsa qabaniin milkaa’inni hunda caalu ni argama.

“Wanta hojjatamuun irra jiraatu yeroo isaatti xumuruuf gama keetiin kallattii dandeessu hundumaan hojjachuuf itti cichuun sirraa eegama.”

“Iddoo kana jiraachuun kee tarii fedha Waaqayyoo ta’uu danda’a wanta hojjachuun siif ta’u yeroodhaan hojjadhu. Ulfina Waaqayyootiif hojjadhu.”

“Jireenya kee guyyaa guyyaa irratti waaqayyoon affeeri! Ulfina maqaa Waaqayyoo beeksisi!”

1.2. Amaloota Namoota Daandii Guddinaa irra Adeemanii

  • Yeroo hundumaa gooftaatti gammadoodha. Filp. 4:4
  • Namoota balballi eebbaa akka banamuuf dhimmanii barbaadaniidha. Mat.7:7
  • Eegumsa Waaqayyoo keessatti of eegu. Iyo. 29:1-4
  • Jireenya gammachuu qabu jiraatu.
  • Guddina irraa guddinatti darbuuf hojjatu.
  • Milkaa’inni daandii kami irratti akka argamu ni yaadu akkasumas ni akeeku.
  • Furmaata rakkina hundumaaf ta’u barbaaduuf dhimmu!
  • Waan hojjetanii fi raawwachuuf karoora qaban hundumaatti akkaataa hojjechuuf isaanif mijatutti sagantaa itti baasu. (Make schedule TODO all things).

1.2.1 Abbaa Furmaataa

Abbaan furmaataa tokko rakkoolee kudhaniif karaa tokko qofaan furmaata itti laata utuu hin ta’in, rakkina tokko karaa kudhaniin furmaata kan itti laatudha. Kunis taa’anii itti yaaduu fi karoorsuudhaani. Sammuu ofiitti fayyadamuudhaani. Abbaan furmaataa immoo abbaa yaadaati. Kanaafuu yeroo hundumaa yaada sammuu kee keessa jiran baasii itti hojjedhu!

1.2.2 Itti Gaafatamummaa

Wanta hojjatu hundumaaf itti gaafatamummaa fudhachuun amala nama ogummaa qabu tokkooti. Wanti hojjannu dudduubni isaa ittiin jiraachuuf (business) ittiin argachuuf qofa ta’uu hin qabu. Wantoonni itti yaadamuu qaban tokko tokko ni jiru:

  • Wanti hojjetamu hammam namoota gargaara?
  • Miidhaa fi faayidaa isaa adda baafachuu?
  • Namoota meeqa bira gahuu danda’a?

Jireenyi nama tajaajiluu maal fakkaachuutu irraa eegama? Namni namoota kaaniif hojjatu yookiin tajaajilu yaada isaa, karoora isaa, jireenya isaatiin fakkeenya gaarii ta’ee hojjachuutu irra jira. Jireenya harkaa gara afaanii keessaa bahuudhaan namoota hundumaaf dhimmee yaaduudhaan namoota hundumaa biratti fudhatamummaa qabaachuu isaa dabaluu danda’uutu irra jiraata.

1.2.3 Yeroo sirrii itti Qajeelan (of jijjiiran)

Mukti jalqaba qajeelee yoo hin guddanne sirreessuun ulfaatadha. Jireenyi nama tokko tokkootis ganamaan yoo of qajeelche, of ijaare yookiin namoota beektota waliin ta’uun ogummaa horate malee karaa dheeraa beekumsa malee qaxxaamuruun utuu ija baay’ee godhachuun danda’amu jiruu hir'uu nama taasisa. Maatiin ijoollee isaanii yommuu guddisan kallattii kamtu gaarii fi karaa kamtu immoo akka isaan miidhu barsiisuun irra jiraata. "Ati garuu ka'i, seenaa darbe qoradhu, dhaloota yaadachiisi! Sabni seenaa hin beekne hundeen isaa gadi jabaatee hin dhaabatu, wanta gaarii hojjachuufis seenaan jalqabaa keessa jiraachuu yoo baate mi’aan isaa itti hin dhaga'amu." Namoonni seenaa dhugaa waa'ee argama isaanii beekanii jireenya isaanii kallattii gaarii irra adeemsisuuf ni dhimmu. Seenaa beekuun hubannaa namaaf kenna. Hubannaan wantoota jiruu fi jireenya miidhan irraa nama eega. Isa kaleessaa yaadatanii isa har'aa hojjatu, isa boriif immoo ni karoorsu.

“Egaa dhaloonni itti aanu isaan kana akka beekutti, warri amma illee hin dhalatin ka’anii, dabarsanii ijoollee isaaniitti haa himan!” (Far. 78:6)

Kanaaf ni barreessina, ni barsiifna. Jireenya keenya eeggannee adeemna.

1.2.4 Seenaa Gaarii Hojjechuu

Wanta gaarii hojjadhe kana irraa dhaloonni waan tokko barachuu danda’u kan jettu seenaa hojjatte qabdaa laata? Yoo qabaatte Waaqayyotu na gargaare jettee uumaa kee galateeffattee beektaa? Yoo beekaan wallaalee irra daddarbe eenyutu isa qajeelcha? Amala namootaaf yaaduu fi namootaaf dhimmu kennaa gaarii ganamaan eenyutu namaaf kenna? Kan jireenya kee eebbisuu, kabajuu danda’uu fi jireenya kee abaaruu danda’u kennaan sitti kennamee harka kee irra jira. Akkamitti itti fayyadamaa jirta? Amma jireenyi kee maal fakkaata, maalirra jirta? Bori hoo maalitti akka darbitu itti yaaddee laata?

Namni hundinuu gaaffii kana anatu gaafatame jedhee itti dhimmee yaadudhaan barbaadee of haa argatu. Jireenya kee qajeelchitee, gammachuudhaan jiraachuu fi boru ifa guddaatti bahuudhaaf har’a hojiin ati hojjattu murteessaadha. Of kunuunfadhu, jireenyi kee yoo har’a sitti toluu baate boru itti fayyadamuudhaaf jiruu fi jireenya kee mararsiifadhu, haala rakkisoo hundumaa bira darbi! Yeroo hundumaa uumaa keetti hirkadhu!

Har’a nan jiraadha boru hin beeku jettee dhibaa’ummaadhaan hin jiraatin! Dandeettii Waaqayyo siif kenne hin qusatin! Dandeettii si keessa jiru adda baastee itti hojjachuu qabda!

1.2.5 Jireenya Gaarii fi Yaada Qajeelaa Qabaachuu (For new life having good idea)

  • Yaada gaarii namni qabu, furmaata rakkinaa of harkaa qaba.
  • Jireenya komachaa jiraachuun hafee jireenya isaa gammachuudhaan jiraata.
  • Yaada gaarii nama qabu rakkinni addunyaa raasu isa hin sodaachisu.

“Yaada daandii guddinaa irraa si kaachisuu (addaan si baasuu) fi yaada ofittummaa yeroodhaaf si gargaaree booda si kuffisu adda baafadhu. Yoo hardha miidhamte iyyuu boriin kee ifa akka ta’e sirriitti yaadadhu! Gammachuu bara baraa kan namaaf laatu dubbii sagalee Waaqayyooti. Jireenyaan guddina irraa guddinatti darbuuf yaada namni qabu isaaf jiraachuu isaatiin qajeelinaa fi eebba karaa isaa irra deemuudhaan argamu irraa qooda gaarii qaba. Qoodni isaanii jireenya bara baraa ti.”

Akkamitti Waaqayyoof jiraatu.

  • Garaa kee guutuudhaan yaada kee guutuudhaan Waaqayyoon jaaladhu!
  • Isuma qofaaf hojjadhu! Foon dadhabaadha, hafuurri garuu dhimmaadha.
  • Ati garuu hamma dhumaatti adeemi! Waan hundumaatti gara itti gortu beeki! 2Xim. 4:5

1.3 Guddisa Daa'immanii

“Ilaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti, dhala godhachuunis bu’aa inni namaaf kennuu dha” (Far. 127:3)

1.3.1 Akkaataa Guddisa Daa’immanii

Haalli guddisa daa’immanii yeroo hundumaa cimee itti fufuun kan irra jiraatuu fi jireenya fuuldura isaanii qajeelchuuf hojii hunduma keessaa hojii olaanaa dha. Daa’immaniif bakka guddaan kennamee xiyyeeffannoodhaan yoo guddifaman, dhaloota dhufan daandii guddinaa irra qajeelchuuf sababa jalqabaa ta’u.

A) Daa’immanitti meeshaalee taphaa kan akkamii kenninee yoo taphachifne filatamaadha?

Yeroo baay’ee maatiin daa’imman isaanii taphachiisuuf jecha meeshaalee waraanaa kan akka shugguxii, qawwee itti yoo kennan ni argina. Haalonni akkanaa fi kan kana fakkaatan daa’imni keessa isaatti lolaa fi jibba horatee akka guddatu taasisa. Qooda kanaa immoo wanta gaggaarii daa’ima barsiisan meeshaalee akka konkolaataa adeemuu fi qubeewwan fi fakkiilee adda addaatiin si’eessanii itti argisiisanii taphachiisuun barsiisuu. Maatiin haala guddisa daa’immanii irratti xiyyeeffatanii guddisuu qabu. Daa’imni keenya waan ta’uuf jiru karaa itti argisiisuuf hojii (action) har’a nuti itti mul’ifnee guddifnu murteessaa dha.

B) Soorata madaalamaa daa’immaniif qopheessuu

Akkaataa dandeettii daa’immanii fi furdina qaama isaanii too’achuu akka danda’aniif nyaanni daa’immaniif kennamu murteessaadha. Nyaata kanneen akka muuzii, dinnicha, hanqaaquu, foon qurxummii sirnaan bilchaate argachuu qabu. Nyaata anniisaa fi haaromsaa of keessaa qaban soorachuu. Nyaata sasalphaa ta’aniif dandeettii yaaduu dabalan soorachuu. Kanas gama ogeessa fayyaatiin gorfamuun hojiirra oolchuun ni danda’ama.

1.3.2 Daa’imman Haala Gaariin Guddisuuf Maaltu Godhamuu Qaba.

Daa’imman haala gaariin guddisuuf gahee isaanii bahuu kan qaban maatii qofa miti. Ollaan, manni barnootaa daa’immanii fi naannoon akkasumas mootummaan gahee keessaa qaba. Maatiin daa’ima guddisuuf iddoo olaanaa fi gahee jalqabaa qabu. Gahee kana haala gaariidhaan itti fufsiisuu fi kallattii barbaachisaa ta’een daa’ima ofii guddisuuf barnoota akkaataa waa’ee daa’immanii biyyoolessaa fi mirga daa’immanii eeguuf dhaabate UNICEF kennamu hordofuun baay’ee murteessaa dha.

Dhaabbanni UNICEF akka gorsutti daa’imni keenya sammuu cimaa fi beekumsaan akka guddatuuf akkuma afaan haasa’uu jalqabuun maatii waliin walitti dhiheenya cimaa horachuutu irra jira. Waan daa’imni yaadu beekuu baatanis daa’ima haasofsiisanii mallattoo hubatamuu danda’uun barsiisuun guddisuun maatii irraa eegama.

Irra caalatti haala guddisa daa’immanii keessatti qabxiin cimaan dagatamuu hin qabne, daa’ima keenya yoomillee sodaachisuun, ifachuun, rukutuu fi akka mufatu gochuun barbaachisaa miti.

Daa’imni yoo balleesse akka balleessaa sanatti hin deebineef maaltu godhamaa?
  1. Balleessaa akka ta’e mallattoodhaan akkasumas haasa’a inni beekuu fi hubachuu danda’uun gadi jedhanii jaalalaan itti himuu.
  2. Waan inni balleessuu danda’u daa’ima jalaa dhoksuu.
  3. Akkaataa dheerina (hojjaa) daa’imaatiin gadi jedhanii balleessaa isaa hubachiisuu fi barsiisuu.
  4. Nuffii malee irra deddeebi’anii jaalalaan daa’ima waliin haasa’uu.

1.4 Jireenya Gammachuu qabu Jiraachuu

Jireenya gammachuu qabu jiraachuuf jalqaba maddi yookiin burqaan gammachuu maal fa’a akka ta’an beekuun barbaachisaa dha. Isaanis akka armaan gadiitti haa ilaallu:

  1. Namoota hundumaa waliin nagaa qabaachuu
  2. Namoota hundumaa jaalachuu
  3. Yeroo hundumaa iddoo mul’annii fi karoorri ofii jiru yaaduu
  4. Fedhii fi garaa guutudhaan Waaqayyoon amanachuu
  5. Wanta dursanii xumuruu qabaniif dursa kennuu
  6. Guyyaa hundumaa hojii ofii madaallii irra kaa’anii ilaaluu
  7. Yeroo itti uumama waaqaa bahanii daaw’atanii itti gammadan qabaachuu
  8. Haala rakkisaa keessatti obsaa fi gammachuudhaan dabarsuu shaakaluu
  9. Sammuu ofiitiif yeroo addaa boqonnaa kennaniif qabaachuu
  10. Haamilee ofii jajjabeessuu.

1.4.1 Jireenya Gammachuu qabu jiraachuu jechuun maali?

  • Waan nama gammachiisu hundumaa gochuudhaa? Lakki!
  • Bakka garaa ofii gahanii akka malee jiraachudhaa? Lakki!
  • Maallaqa (qabeenya) hanga barbaadan argachuudhaa? Lakki!
  • Jireenya gammachuudhaan guute jiraachuuf abboommii Waaqayyoo eeganii akka sagalee isaatti jiraachuu guyyaa guyyaa dhaan daandii qajeelaa irra socho’uun gammachuu guutuu jireenya namaatiif kenna. Namni mul’ata isaa bira gahuuf yeroo hundumaa hojjetu keessa isaatti gammachuun yoo dhaga’ame malee humna dhaba. Jireenya isaa akka abboommii sagalee Waaqayyootti kan qajeelfatu garuu gammachuun isa irraa hin fagaatu. Hafuurri nagaa fi tasgabbii kennu Waaqa biraa ergamaaf. (Efe. 2:14) Eebbi kan hardhaas kan dhufus isa keessa jira.” jedha

Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)

Waa'ee Dhaloota Bara Si’anaa

  • Dhaloota karaa irraa goranii manca’an wanta isaan barbaadaniin dhaqqabnamoo waan caaffanni qulqullaa’aan jedhuun karaatti deebifnaa?
  • Maal barbaachaaf deemaa jiru dhaloonni? Eessatti fiigaa jiru?
  • Sammuun namaa maalitti amanaa?
  • Ati maal yaadda?

“…Wanti kun hundinuu hanga raawwatutti dhaloonni si’anaa kun hin darbu. Waaqni fi lafti darbuuf jiru, dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu” Jedhe. Mat. 24:34-35

2.1 Dhaloota Beekumsa Mataa Isaatiin Fiigu Seexannii fi Biyyi Lafaa Isaan Gufachiisuuf itti Dhiyoo dha.

‣ Wanti nama barbaachisu hangam baay’ee yoo ta’ellee, hundi nama hin fayyadu. Isuma muraasa kanayyuu argatee kan itti boqotu nama muraasa. Namni isa tokko yoo argate isa itti aanu argachuuf dhama’a. Argachuu fi dhabuun kun hundi hanga namni lafa kanarra jiraachuuf umuriin isaa heeyyameef duwwaatti itti fufa. Wangeelli of keessaa kan lafaaf nu barbaachisu qofa qaba utuu hin ta’in jireenya barabaraa (eternal life) dabalata. Kun kan dhaloonni bara si’anaa jala sararanii beekuun irra jiruudha.
‣ Wanta guddaa barbaachaaf kan adeemu wanta guddaa argata. Inni yaada doggogoraa, xinnummaa yookiin obboloota kuffisuuf yaadu garuu hin guddatu. Inni yeroo hundumaa waan gaarii yaadu, gaarummaatu isa argata. Hamaa kan facaasu, gufuudhuma ofii isaa kaa’een gufatee ni kufa. Warri yeroo hundumaa fuuldura yaadan barcuma yookiin teessoo isaanii fuulduratti ilaalu.
‣ Ati isa tokko argattee isa kaan dhabuu keetti gaddita, Inni kan biraa guyyuma tokko ifa argachuuf utuu barbaaduu carraa kan dhabu meeqatu jira. Naaf darba utuu jedhuu kan hin darbiniif hafe.
‣ Waan guddaan fuuldura kee utuu jiruu karaa isaa irraa yoo gorte, deebitee isa argachuuf gatii si baasisuu danda’a, kanaaf:

  • Adeemsa kee eeggadhu!
  • Obsa qabaadhu!
  • Jabaadhuu Waaqayyoon kadhadhu!

2.1.1 Amantoonni Maal Gochuu Qabu?

  • Yeroo hundumaa qophaa’oo ta’uutu isaan irra jira. “Nahimiyaan harka tokkoon billaa harka tokkoon immoo hojii Waaqayyoo hojjatee, mana qulqullummaa xumure. Waaqayyos ni gargaare.” Amantoonni hojiidhaafis, lola hafuuraatiifis qophaa’oo ta’uun isaan irra jiraata.
  • Goota akka Iyyaasuu hanga diina isaa moo’atutti biiftuun akka dhaabbattu godhe. Diina isaa moo’ate.
  • Yeroo kana namni kamiyyuu dhimma kamiyyuu irratti ofeeggannoodhaan dammaqee hojjechuu akka qabu, yerichi hamaa akka ta’e sammuun nama hundumaa haa beeku.

2.1.2 Jireenya ofii ilaaluu

“Waaqayyo karaa tokko, lamas ni dubbata. Namni garuu hin hubatu.”

  • Sodaadhu! Yaa lallabaa! Yaa dhaggeeffataa inni ati har’a lallabde, inni ati har’a dhageesse kun si irratti hojjata. Ati aangoo arraba kee jala akka jirtus beeki malee ofirratti lallabdee, namaafis lallabdeerta.
  • Ofii kee eeggachaa jiraadhu! Jireenya kee hambifachuuf jedhii of qusadhu!
  • Dhiphina Yesuus siif jedhee dhiphate sanas ilaali.
  • Hojiin ani hojjadhu Yesuusin hin kabaju taanan du’aadha; akkasumaani.
  • Dadhabbii waa’ee hin baafne maalifan dadhabaree?
  • Maaliifan of arguu dadhabee?
  • Maalirraa akka kaatte yaadadhu!
  • Maalirra akka jirtus beeki!
  • Maalirra gahuu akka dandeessus HUBADHU!
  • Fiigicha galmi isaa hin beekamne hin fiigin.
  • Jireenyi kee akka fedha Waaqayyootti bara baraan mana isaa keessa akka ta’u kadhadhu.
ANAAF:
  • Yeroon kun yeroo itti yaada garaa koo qajeelfadhu naaf haa ta’u!
  • Yeroon kun yeroo itti qulqullummaan jiraadhu naaf haa ta’u!
  • Yeroon kun yeroo itti karaa hundumaan of ilaalu naaf haa ta’u!
  • Yeroon kun yeroo itti akka fedha kootti jiraadhu utuu hin ta’in akka fedha Waaqayyootti jiraadhu naaf haa ta’u!
  • Yeroon kun yeroo itti ogummaa jireenyaa baradhu naaf haa ta’u!
  • Yeroon kun yeroo itti hariiroo koo Waaqayyoo waliin cimsadhu naaf haa ta’u!
  • Yeroon kun yeroo jijjiiramaa fi guddina hafuuraa adda ta’e jireenya koo irratti argu naaf haa ta’u!
  • Anaaf wanti gaariin yeroo kanatti Waaqayyo biraa naaf haa ta’u. Waaqayyo akka fedhaa fi jaalala keetti jireenya koo isa jijjiirama dheebote gaarummaa na argisiisi!

Akkas jettee yaada kee guutudhaan, garaa kee guutudhaan Waaqayyotti yommuu dhi’aattu Waaqayyo akkas siin jedha:

“Mucaa koo baay’een si jaaladha. Eenyumtuu akka lubbuun isaa badu hin barbaadu. Kanaafin lubbuu koo dabarsee qooda ati du’uu qabdu siif du’e. Ba’aa ulfaataa ati baachuu hin dandeenye si irraa fuudhee baadhee. Ani gatii guddaadhaan si bitadheera. Kunoo barruu harka koo irra jirta. Ani si hin irraanfadhu!” (Isa. 49:15) jedha.

Waaqayyo warra yeroo isaanii isaaf kennaniif yeroo isaa kenneera. Warra yaadni garaa isaanii cabettis dhiyoodha. (Far. 34:18)

2.1.3 Yaada Garaa ofii madaaluu

“Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa! (Qol. 3:2).” Yaadni garaa namaa bakka abjuu fi mul’anni isaa jirutti hidhama. Namni yeroo hundumaa waa’ee kubbaa miilaa haasa’u, sammuun isaa tapha kubbaa miilaa irratti hidhameera. Abjuu fi mul’anni kee wanta guddinaaf siif ta’u irra siif bu’e taanan ati gammadi! Yaadni kee bakka jiru sana inuma geessa. “Wal dhabdee fi waa’ee lolaa, waa’ee ajjeechaa” yeroo hundumaa namni haasa’u, sammuun isaa lolaa fi oduu lolaatiin rukutameera. Namni kuni carraan isaa lolatti bobba’uu fi achuma keessatti hamma yeroon isaaf heeyyame dabarsuudha. Namni yeroo hundumaa waa’ee dubara ishee bareedduu haasa’uu, jaalalli ishee sammuu isaa akka core dudubbatu isumaan kufa. Wanta keessi garaa isaa guute afaan baasee haasa’a jedhameera mitiiree? Si garuu gaarummaa fi qajeelummaan yaada sammuu keetii keessa guutee jiraannaan fiixan bahuumsi keetis abjuudhauma ati qabdu sana ta’a. Ilmi abbaatti baha akkuma jedhame, atis akkuma mul’ata keetii taata.

2.1.4 Adeemsa Ofii Eeggachuu

“…Argachuu fi dhabuun hanga namni lafa kana irra jiraachuuf umuriin isaa heeyyameefitti ittuma fufa. Adeemsi jireenyaa dhala namaa garuu hundaa ol kan ta’e argachuu fi dhabuudhaan kan hin madaalamnedha. Guutuu fi hir’achuun haalotaa adeemsa jireenyaa irratti dhiibbaa fiduu hin qabu. Namni gooftaa Yesusitti amane jireenya isa lafaatiifis waan isa barbaachisu argachuu qofa qaba utuu hin ta’in jireenya bara baraa (eternal life) itti dabalee goofticha biraa ni argata. Jireenyi bara baraa karaa ayyaana Waaqayyootiin namoota isatti amananiif tola kan kennamee dha.

2.1.5 Dirqama ofii bahuu

  • Yeroo hundumaa Waaqayyoon kadhadhu, sagalee Waaqayyoo dubbifadhu!
  • Kallattii Waaqayyoon ittiin gammachiiftu halkaniif guyyaa dhimmii yaadi!
  • Warra karaan jalaa miliqe karaatti deebisuuf halkaniif guyyaa dhama’i!
  • Dhaloota badan barbaaduuf adaraan sitti kennameera.
  • Kophaa kee mootummaa Waaqayyootti galuuf hin tattaaffatin, kiyyoo du’aa jalaa dhaloota butii baasi!
  • Kana hin gootu taanan qabeenyi ati kuufatte zeeroodha.

2.1.6 Abdii Waaqayyoon Godhachuu!

Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan akka joobiraatti baalledhaan ol in ka’u; humni isaaniis ni haareffama. “Ani iddoo dhaabachuun ta’u irra dhaabbadhee Waaqayyoon nan eeggadha.”

2.2 Dhaloota Harma Gu'an

★ Dhaloota harma gu’anii fi dhaloota harma barbaadan jechuun maali jechuudha?
★ Daa’imni tokko erga guddatee nyaata jajjabaa soorachuuf gahee booda harma guusifamuu qaba. Harma haadhaa dhiisuu jechuudha. Akkuma daa’imni yeroo isaatti daa’imummaa keessaa bahee (harma gu’ee) nyaata jajjabaa nyaachuuf of qopheessutti, nutis jireenya hafuuraa keenya isa kaleessaa fi dheengaddaa caalatti itti guddachuun hundee keenya Yesus Kristos irratti gadi fageessinee dhaabuu qabna. Yeroo hundumaa nama nu jajjabeessu barbaanna taanan ofirra darbinee dhugaa wangeelaa namootaaf dabarsuun nu rakkisuu danda’u.
★ Biyya lafaa fi wanta biyya lafaa isa karaa qajeelaan hin argamne hundumaa dhiisee Yesuus Kristoos duukaa namni bu’u isa caalu ni fo’ata. Jireenya bara baraas argata.
★ Dheebuun kee dhugaadhaan gooftichaaf jiraachuu haa ta’u. Eenyu iyyuu dhugichaaf yoo jiraate gatiin isaa eenyuma irra hin xiqqaatu.

“Isin yeroo kana barsiisota ta’uuf kan maltan turtan; amma garuu dubbii Waaqayyoo isa gara jalqabaa iyyuu nama hiikee isin barsiisu in barbaachise; qooda nyaata jabaa nyaachuus warra aannan dhuguun barbaachisu taataniittu. Namni aannaniin jiraatu immoo mucaa waan ta’eef, akka itti Waaqayyo duratti qajeelummaatti jiraatan isa barsiisu hin hubatu. Nyaanni jabaan garuu kan warra ga’anii ti; warri kun sammuun isaanii hojiidhaan itti bare hamaa fi gaarii gargar baasuu in danda’u” (Ibr. 5:12-14)

Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)

Hinaaffaa - Envy - ቅናት (መቅናት)

  1. Hinaaffaan maali?
  2. Qabxiilee gurguddoo hinaaffaan walqabatan
  3. Maddoota hinaaffaa
  4. Hinaaffaa akkamitti hambisuun danda’ama?

“… Qoccolloon, hinaaffaan, dheekkamsi, ofittummaan, maqaa namaa balleessuun, dhoksanii nama hamachuun, of-bokoksuun, gara-dhabuun, isin gidduu jira ta’a jedheen sodaadha.” (2Qor. 12:20) “Lafa hinaaffanii fi ofittummaan jiru, hammacamni wanti hamaan hundinuus jira.” (Yaq. 3:16)

Kaayyoo

  • Namoonni hammeenya hinaaffaan qabu gadi fageenyaan qorachuun jireenya isaanii hammeenya hinaaffaa irraa eeguun ogummaadhaan hojii mataa isaaniitti milkaa’ina dhuunfachuu akka danda’an gargaaruufi.

Kaayyoo xixiqqaa

  • Hojiilee guyyaa guyyaa keenya sakkatta’uun yaada hinaaffaa irraa bilisa ta’e gonfachuu fi ofirratti hojjechuu.
  • Waa’ee milkaa’ina namoota biroo odeessuu dhiisuudhaan dandeettii ofiitti quba qabuun fiixan ba’uumsa mataa ofii irratti hojjechuu fi galma gahuu.

3.1 Hinaaffaan Maali?

Hinaaffaan gosa lamatu jira.

  1. Guddinaaf waldorgomuuf kan taasifamuu fi
  2. Guddina walii jibbuu (dhimma dhabuu) kan taasifamuu dha

Hinaaffaan waldorgomuuf taasifamu namni tokko yookiin hiriyaan kee yoo guddate anis guddachuun qaba jedhanii xiiqiidhaan ka’uu fi humnaa fi dandeettii ofii irratti hundaa’anii milkaa’insaaf kan tattaaffataniidha. Barruu kana keessatti bal’inaan kan waliin ilaallu garuu hinaaffaa guddinaaf waldorgomuuf tattaaffatan utuu hin ta’in gufuu guddina namoota baay’ee kan ta’ee fi gaarii fakkaatee namoota bebbeekamoo dandeettii ajaa’ibaa qaban baay’ee cabsee golatti kan deebise hinaaffaa guddina walii jibbuu ti. Hinaaffaa gosa kanaa namoonni jaalatanii kan walirratti taasisan utuu hin ta’in, jaalala waliif dhabuu irraa kan ka’e, yookiin fedha addaa ofiif qofa qaban (ofittummaa) irraa ka’uu dhaan kan taasisanii dha. Akka dubbii sagalee Waaqayyoottis akka seera biyya lafaattis hinaaffaan guddina walii jibbuu kuni waan ta’uu hin qabnedha.

‣ Waa’een hinaaffaa yommuu ka’u jalqaba irratti gara sammuu namoota baay’eetti kan dhufu irra caalaan yommuu inni tokko hojii tokko hojjechuun itti milkaa’uu eegalu, inni biraanis hojiidhuma walfakkaataa sanaan milkaa’ina argachuu yeroo barbaaduu fi baay’inaan kutaa biyya keenyaa keessatti kan mul’atu akka ta’e qofaatti yaadama. Hinaaffaan garuu yaadolee hammeenyaa adda addaatiin kan walqabatee fi gocha jal’inaa namoonni baay’een utuu hin hubatin ittiin sakaalamanii milkaa’ina irraa duubatti hafanii dha.

“Gochaaleen adda addaa hinaaffaan walqabatan kan ilmaan namootaa miidhan hawaasa tokko tokko keessatti darbanii ni mul’atu, kunis qoricha namatti gochuu, ofii bakka gahuu dadhaban carraa namaatti fayyadamuun bu’aa hin malle argachuu.” Bu’aan karaa kanaan argamu itti fufiinsa kan hin qabnee fi eebba of keessaa kan hin qabne waan ta’eef boqonnaa namaaf hin laatu.

3.2 Qabxiilee Gurguddoo Hinaaffaan Walqabatan

  • Bakka hinaaffaan jirutti guddina siif malu guddachuu hin dandeessu. Yaq. 3:16
  • Hinaaffaan dhortuu beekumsaa ti. Beekumsa qabduun akka hin hojjenne yookiin itti hin fayyadamne gochuu danda’a.
  • Hinaaffaan nama xiqqeessa.
  • Hinaaffaan namoota daandii guddinaa irra jiran sakaala.

Bakka hinaaffaan jirutti guddina siif malu guddachuu hin dandeessu. Waan haaraa kalaquufis humna dhabda. Sababni isaa lafa hinaaffaanii fi ofittummaan jiru, hammacamni, wanti hamaan hundinuus jira. (Yaq. 3:16) Sammuun namaa nagaa, boqonnaa fi gammachuu yoo qabaate malee kaka'uumsa qajeelaa ta'een kalaqa addaa uumuuf ni rakkata. Hammacamnii fi yaadni hamaan xinsammuun namaa guddinaaf akka of hin kakaafne taasisa.

GARUU,…

Hinaaffaan namoota tokko tokko sadarkaa isaan jiran irraa ol isaan guddiseera. Namoonni akkanaa warreen dafanii abdii hin kutannee fi obsaan warra jiraataniidha. Namoota tokko tokko immoo cabsee karaatti hambiseera. Warreen kunniin namoota dafanii abdii kutanii fi obsa dhabanii dha.

Hinaaffaan, nama hamachuun, jibbis waanuma tokkoofillee hin barbaachisu; nama hin gargaaru. Yeroo ofii kanneen irratti balleessuun hin barbachisu. Waa'ee mul'ataa fi adeemsa ofii irratti mari'achuun yeroo fudhachuun nama milkeessa. Abdii fi wabii guddinaatis.

“Garaa keessan keessatti HINAAFFAA HADHAA'AA, ofittummaas yoo qabaattan garuu, AKKA OGUMMAATTI ittiin of hin jajinaa! Dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa! Ogummaan akkasii kun ISA LAFA IRRAATI, kan yaada foonii ti, kan hafuura hamaa ti malee, waaqa irraa isa gad bu'e miti. LAFA HINAAFFAANII FI OFITTUMMAAN JIRU, HAMMACAMNI, WANTI HAMAAN HUNDINUUS JIRA. Ogummaan waaqa irraa garuu, hundumaa dura QULLAA'AA DHA, akkasumas naga-qabeessa, garraamii dha, of kennaa dha; oo'aan, ija gaariidhaanis guutuu dha; garaa hir'uun, OF ARGUU DHABUUNIS KEESSA HIN JIRU. Karaa isaa warra nagaa buusaniif, sanyiin ija qajeelummaa kennu nagaadhaan in facaafama.” (Yaq. 3:14-18)

3.3 Hinaaffaan Maal irraa Madda?

  • A. Jaalala waliif dhabuu
  • B. Ofittummaa
  • C. Bu’aa karaa dalgaa barbaaduu
  • D. Hafuura hamaa

Yaadolee maddoota hinaaffaan walqabatanii fi miidhaa isaan geessisan tokko tokkoon tarreessuun akka armaan gadiitti waliin haa ilaallu:

A. Jaalala waliif dhabuu: Namni tokko nama tokkoof jaalala hin qabu yoo ta’e guddina isaas hin jaalattuuf. Utuu isaa gadi ta’ee jaalata. Yeroo hundumaa waa’een isaa gaafa ka’u hammeenya isaa dubbachuuf fiiga. Wanti inni hojjetu kamiyyuu isa gammachiisuu hin danda’u. Sababni isaa jaalala hin qabuuf yookiin jibbee jira waan ta’eefidha.

Miidhaa isaa: Jaalala waliif dhabuun guddina waliinii karaatti hambisa. Namni yookiin biyyi kophaa isaa guddatu hin jiru. Milkaa’inaa fi injifannoo dhiyootti galmeessuun danda’amuu fi bira gahamuu malu fageessa/hambisa. Walirratti ka’uu fi maqaa walii balleessuuf karaa bana.

B. Ofittummaa: Wanti gaggaariin kamiyyuu anuma qofaaf haa ta’u jechuudha. Faayidaa dhuunfaa ofii qofaaf gulufuun ofittummaa dha. Waa’ee ofii bareechanii dubbatachuu fi hojii ofii jajachuu jaalachuudha. Waan hundumaa irratti ana malee namni biraa hin jiru jechuu dha. Wanti hundinuu anuma qofaan qajeelfama jechuu dha. Sababni isaa maqaan kee fi kabajni kee olaanee akka mul’atu malee kabajaa fi galata nama biraa dhaga’uun waan si aarsufidha. Kuni hafuura hamaa yaada namaa xureessu dha. Ofittummaa keessa of fayyadeen nama biroos gargaara jechuun hin jiru. Ergan ofiif fayyadamee waa’ee nama biroo wanti ana dhibu hin jiru jechuudha. Sababni isaas ofittummaan faayidaa dhuunfaa ofii caalchisuu fi of qofaaf jiraachuu irratti waan hudaa’uufi. Ofittummaa keessa garaan jaalalaa fi dhiifamaa hin jiru; yoo jiraates baay’ee gadi bu’aadha. Namoonni akkasii karaa ittiin warra kaan miidhanii bu’aa mataa ofii qofa barbaadan irratti xiyyeeffatu.

Miidhaa ofittummaa: Ilaalcha namummaa fi gaarummaa nama keessaa balleessa. Ofittummaan nama galata hin qabne nama taasisa. Ofittummaan fira caalaa diina baay’isa. Namni ofittoon jireenya gammachiisaa ta’ee fi eebbifamaa jiraachuu hin danda’u. Qooda gaarummaa hammina keessa namaatti uuma. Hammina yaaduun dhumni isaa kufaatii dha.

C. Bu’aa karaa dalgaa barbaaduu:Bu’aa karaa dalgaa barbaaduu jechuun waan hin qabnee fi hin dandeenye karaa hamminaatiin hordofuu jechuu dha. Fakkeenyaaf, qo’attee, hojjattee, barattee milkaa’uu barbaadda utuu hin ta’in carraa nama biroo fayyadamuu (qoricha namatti gochuun) yookiin malaammaltummaa hojjechuu irratti xiyyeeffachuun sooromuu hawwuu dha.

Miidhaa isaa: Bu’aa karaa dalgaa barbaaduun har’aaf gaarii fakkaatus itti fufiinsa hin qabu. Karaa irratti nama gata. Bu’aan karaa dalgaan argamu boqonnaa namaaf hin kennu.

D. Hafuura hamaa: Hamaan akkuma maqaa isaa wanta gaarii ta’een morma. Kanaafuu hinaaffaa hamma malee yaada namootaa keessa kaa’uudhaan gara walgalaafachuutti fida. Maddi hinaaffaa karaa namni ofirratti beekuu hin dandeenyeen gaarummaa fakkeessee isaan miidhu karaa kanaanidha.

3.4 Hinaaffaa Akkamitti Hambisuun Danda’ama?

A) Dandeettii ofiitti quba qabuu: Dandeettii ofiitti quba qabuu jechuun ani maalin beeka? Maalin hojjechuu danda’a jechuun of gaafachuu dha. Namni tokko wanti inni nama biroo irraa barachuu danda’u ni jira. “Sibiilli sibiila ni qara; namnis nama akka isaatii ni qara.” akkuma jedhamu walirraa barachuun, walirraa muuxannoo fudhachuun gaaridha. Kunis haala fi akkaataa ta’uun qaba. Ani nama biroo ta’uu hin danda’u, akka nama birootti hojjechuufis miti kanan uumame dandeettiin ana keessa jiruu fi dandeettiin nama biroo keessa jiru adda adda dha. Kana jechuun namni dandeettii adda addaa qabatee dhalate. Inni tokko xiyyaara tolchuu yoo danda’e, inni biroo immoo konkolaataa tolchuuf dandeettii qaba. Inni tokko waan xiyyaara tolcheef anis dirqama dandeettii koo dhiisee xiyyaara tolchuun qaba jedhee yoon ka’e tokkoffaa, yeroo koon ofjalaa balleessa. Lammaffaa, namoonni lafa irra adeeman immoo geejjiba dhabu. Namni tokko akkuma nama biroo irraa barachuu danda’u dandeettii dhoksaa warra kaan irraa adda ta’es qabatee dhalata. Biyya Itoophiyaa keessatti hojii namni tokko hojjetee itti milkaa’e irratti xiyyeeffachuun isuma sana hojjechuuf fiiguun waan baay’ateef namoota kalaqaa baay’ee dhabnee jirra. Sababni isaa jaalala hojii dhabuu, hojii tuffachuu fi kanneen kana fakkaatan kallattiinis ta’ee alkallattiin yommuu mul’atu ni argina.

B) Qulqullummaan Jiraachuu Shaakaluu

Namni tokko qulqullummaan jiraachuuf maal gochuu qaba?

  • – Qulqullummaan maali?
  • – Qulqullummaan kan akkamiiti?
  • – Maal irraa qulqullaa’a?

Qulqullummaa yommuu jedhamu, jireenya gadhee ta’e jiraachuu irraa of baraaruun jireenya qajeelaa fi fayya qabeessaa fi gammachiisaa jiraachuu dha. Namni kamiyyuu lafa kana irra lubbuudhaan hamma jiraatutti jireenyi isaa karaa gadhee ta’e irra akka deddeebi’u hin barbaadu. Maarree maaltu jal’inatti nama geessee walirratti ka’uu fidee namni dugda walitti garagalchee? Obbolee koo namni biyya lafaa buufatee itti tolee qulqullummaatti jiraachuu hin danda’u. Dubbiin dhugaan hundumaa walitti araarsuu danda’u, sagalee Waaqayyoo dhaga’uu fi akka isaatti jiraachudha. Qulqullummaan namni hundi barbaaduu fi namatti tolu inni dur ture, inni amma jiru, darbees bara baraan jiraatu dubbii sagalee Waaqayyoo keessaa argama.

Garaa Qulqullummaa namni qabu:

  • Gammachuu qaba!
  • Ni milkaa’a!
  • Kabaja qaba!
  • Jireenyi itti tola!

Qabxiilee Ijoo

Hinaaffaan gufuu biyyaati: Kunis hojjetaan cimaan akka of danda’ee hojjetee hin jiraanne hamma taasisutti waan deemuuf nama qabsoo cimaadhaan jabaatetu milkaa’a. lakkoofsi warra milkaa’an kanaas baay’ee muraasadha. Qabsoo kana sodaachuudhaan gara hojiitti kan hin galle baay’een jiru.

Namoonni yaada hinaaffaa isa waa’een isaa barreeffama gabaabduu kana keessatti tuqamuuf yaalame kana irraa yommuu fagaatan waliif yaaduu jalqabu, gara dandeettii dhugaa keessa isaanii jiruu ilaalu, milkaa’ina barbaadan bira gahu. Sababni isaa yeroo tokkotti sammuun namaa wanta lama keessummeessuu hin danda’u. Kana jechuun yaada guddinaa fi yaada hamminaa jechuu dha. Yaada guddinaa filatanii yeroo kennanii irratti hojjechuun kaayyoo fi mul’ata qaban yeroo isa sirrii ta’etti biraan nama gaha. Waan dubbiftaniif galatoomaa!

Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)

Dargaggummaa

Bara dargaggummaatti wantoota ulfaatoo fi mormii gurguddaa keessa darbita. Yeroo kanatti humna cimaa waan qabduuf wanta barbaadde gochuu akka dandeessu keessi kee sitti hima. Si kakaasas. Waan hojjettu hundumaaf itti gaafatamaan garuu suma mataa kee akka ta’e beeki.

“…Ati garuu kajeellaa bara dargaggummaatti hammaatu irraa fagaadhu!” 2Xim. 2:22

4.1. Dargaggummaan Maali?

Dargaggummaan yeroo itti waan tokko hojjechuudhaaf dandeettii cimaa fi yeroo kaka’uumsa cimaa qabaniidha. Yeroo kanatti ba’aan jireenyaa baay’een hin jiru.

Barri dargaggummaa bara yartuu dha. Yeroon dargaggummaa yeroo muraasa; dhaabbataa miti, ni darba. Bara dargaggummaa isa yartuu ta'e kana keessatti isa hin darbine akka fedha Waaqayyootti jiraatanii, Waaqayyoon isa uumaa ofii ta'e gammachiisanii darbuun hunda caalaa barbachisaa dha. Bara Waaqayyo namaaf kenne keessattis hojii Waaqayyoo, akkasumas hojiidhuma biyya lafaa kanaa irratti fooniin ittiin jiraatan dammaqummaa dhaan hojjechuun dargaggoota hundumaa irraa ni eegama.

‣ Warri baruumsa irra jiran cimsanii qayyabachuu dhaan firii gaarii akka isaan fidan Waaqayyo isaan irraa barbaada. Waanuma hojjechuun nu irra jiru yeroo Waaqayyo namaaf kenne keessatti hojjetanii darbuun nama irra jira. Sagaleen Waaqayyoos akkas jedha, "... yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin ittiin hojjedhaa!" (Efe. 5:16).
‣ Barri dargaggummaa kun yeroo itti waan hunda filatanii dha. Dargaggoonni yeroo itti gaa’ela filatanii fi eeggannoo cimaa ofiif godhaniidha. Haa ta'u malee dargaggoonni fedhii foonii raawwachuuf qofa akkuma warri kaan fuudhan itti ariifachuun gaarii miti. Fuudhaa fi heerumni akka dallaa horii hin jijjiiramu. Har'a ijaaramee bor diigamee kan biraan immoo geeddaramu miti. Kanaaf dargaggoonni gaa'ela irrattis cimsanii itti yaaduun gaarii ta'a.
‣ Kiristaanonni fakkeenya biyya lafaa kana fudhatanii akka fedha biyya lafaatti jiraachuun isaan irra hin jiru. Keessumattuu dargaggoonni, Kiristaanonni of eegachuutu isaan irra jira. Barri kun bara itti Kiristaanonni of eeggachuu dhaan caalaadhumattiyyuu gadi jedhanii uumaa isaanii barbaaddatanii jiraachuun isaan irra jiruu dha. Barri kun bara itti qaroomina fakkaatee fashiinin garaagaraa baay'achaa jiruu dha. Dargaggoonni immoo waanuma haaraa dhufutti gammaduu barbaadu.
‣ Barri dargaggummaa yeroo itti waan nama gammachiisu qofa itti hojjechuu barbaadanii dha. (Rom. 12:2) Garuu inni amma gammachuu fakkaatu kun yeroo inni itti darbe, gaabbii fi gadda bara baraa keessa nama buusu dhufuun isaa beekamaa dha.
‣ Barri dargaggummaa bara yartuu dha, dhabbataas miti, ni darba. Inni kun dhugaa akka ta'e immoo sagaleen Waaqayyoo akka gaariitti nutti hima; "Mucummaanii fi dargagguumman waan darbaniif..." jedha (Lal. 11:10).

Garuu dargaggoota meeqatu isa kana beeka laata? Namni Waaqayyoo yommuu Waaqayyoon kadhatu," nuyi ogummaa gaaritti akka galfannutti, ati guyyoota jireenya keenya lakkaa'uu nu barsiisi!" jedhee kadhate. (Far. 90:12)

Kadhannaan akkasii kun kadhata nama qajeelaati. Nuti hammam akka biyya lafaa kana irra jiraannu, barri nu hafee jiruus meeqa akka ta'e hin beeknu. Isa kana kan beeku Waaqayyo qofaa dha.

Wanti nuti gochuu qabnu garuu, baraa fi yeroo nuuf kenname keessatti Waaqayyoon isa nu uume, isa nu jiraachisu beeknee isa taajajiluu, akkasumas fedha isaa raawwachuu dha.

4.2. Dargaggummaa Keenya Waaqayyoof Bituu.

Far. 119:9 “Dargaggeessi maaliin adeemsa isaa qulqullummaatti eeguu danda’aa? Akka dubbii keetti adeemsa isaa qajeelfachuudhaan eeggachuu ni danda’a.”

✓ Dargaggummaan waqtii wajjin kan walqabate ta’ee dhiiraa fi dubara/shamarree of keessatti kan qabatu boru immoo gara ga’eessaatti akkasumas gara haadhaa fi abbaatti kan jijjiiramuu dha.
✓ Lal. 12:1-7 irratti akkuma dubbatu barri kun darbee barri kan biraa ni dhufa, kanaaf bara kanatti cimsinee uumaa keenya yaadachuu fi isaaf jiraachuu qabna.
✓ Ijoollummaan lafa qotamee bullaa’e, dargaggummaan bara itti facaasanii fi jaarsummaan bara itti waan facaasan nyaatan waan ta’eef, har’a waan gaarii facaafadhu!

Kanaaf bara dargaggummaa koo eessatti, maal irrattin dabarsaa jira? Seexannii fi foon akkasumas biyyi lafaa karaa kamiin dargaggummaa kootti dhimma ba’uu barbaaduu? Yeroo kanatti maal gochuu na barbaachisa? Jechuun of gaafadhu! Deebii isaa itti jiraadhu!

Jireenya saamamaa hin jiraatin!

Dargaggummaa kee Waaqayyoof bitii jiraadhu! Iddoo bilii fi daana’oon nyaachuu hin dandeenye ol waaqa irratti qabeenya kee kuufadhu! Wanta akkasumaan baduuf kan waa’ee hin baafneef habadan hin hojjatin! Dargaggeessi jireenya isaa qulqullummaatti eeggachuuf akka dubbii sagalee Waaqayyootti deddeebi’uu qaba.

4.2.1 Itti Gaafatamummaa Jireenya Dargaggummaa

Itti gaafatamummaan jireenya kee inni olaanan akkaataa ati jireenya kee itti gaggeessuu qabdu irratti hundaa’a. Waa’ee jireenya ofii keetiif ejjennoo mataa keetii qajeelaa ta’e qabaachuu qabda. Itti gaafatamummaa mataa keetii namni kan biraa darbee siif fudhachuu hin danda’u. Abbaa, haati, firri yookiin namni ati sirriitti jaalattu bakka kee siif bu’uu hin danda’an.

Eebbii fi abaarsi yeroo hundumaa fuuldura kee jira. Wanta filachuun si irra jiraatu adda baafattee itti adeemuun si harka jira.

Jireenya har’a ati akka itti jiraattuuf siif heeyyamame kana, guyyaa guddaa Waaqayyo dhufu sanatti akkam akka goote itti gaafatamuuf jirta. Akkamitti akka deddeebitu cimsii of eeggadhu!

“Yaa Dargaggeessaa dargaggummaa keetti gammadi! Bara dargaggummaa keettis garaan kee haa gammadu, gara yaadni kee si geessutti adeemi, wanta ijji kee argu duukaas bu’i! GARUU, WAAQAYYO WANTA KANA HUNDUMAAF GARA FIRDIITTI AKKA SI DHIHEESSU BEEKI!” (Lal. 11:9)

4.2.2 Tokkummaa Dargaggootaa

Tokkummaan Dargaggootaa waldaa kristaanaa keessatti baay’ee barbaachisaa fi kan ayyaanni Waaqayyoo ittiin mul’atuu dha. Tokkummaan kunis baay’inaan bakka itti dargaggoonni itti argaman Fakkeenyaaf, naannawaa Universiitiilee adda addaatti Tokkummaa Focus, maqaa Evasue akkasumas Fellowship barattootaa kanneen jedhamuun waamaman tokkummaa Dargaggootaa waldaalee keessatti ciminaan hojjatan ilaaluu ni dandeenya. Tokkummaa dargaggootaa kana Waaqayyo cimsee kan itti fayyadamuudha. Kana irraa wanti barachuu dandeenyu, dargaggoonni ciminaan Waaqayyoon duukaa bu’uudhaan ayyaanni Waaqayyoo namootaaf, biyyaaf akka waan haaraa hojjetu gochuuf ayyaanni Waaqayyoo guututti isaanirra buufachuu danda’a. Kanaaf ciminaan itti dhimmanii hojjechuu isaanii kana akka itti fufaniif waldaan haala mijataa uumuufi barbaachisa.

Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)

Jireenya Jiraachuun Ta'u

Jireenya kee harka Waaqayyoo keessa galfadhu! Ati isaaf of kennii jiraadhu. Waaqayyo waa’ee kee ni beeka. Maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelaa irra si gaggeessa.

“Namni akka gorsa warra jal’ootaatti hin deddeebine, karaa cubbamoonni irra adeeman irra kan hin ejjenne gammachuu qaba, warra ga’isanii wajjinis tarree kan hin teenye gammachuu qaba.” (Far. 1:1)

5.1. Jireenya Akkamii haa Jiraannu

  • Simbirroota ilaalaa isaan hin haaman, hin dhahanis. Ta’iidhaan uumamani, akka inni isaan gaggeessettis yaaddoo tokko malee bara isaanii ni jiraatu, Waaqayyo isaan ni jiraachisa. Nuyi immoo akka bifaa fi fakkaattii isaatti kan uumamne simbirroota bakkee irra guddaa ni caalla. Jireenya milkaa’ina qabu jiraachuuf:
  • Karaa fi karoora sirrii qabaachuu,
  • Filannoo ofii murteessuu danda’uu.
  • Itti yaadanii hojjachuu, adeemuu fi jiraachuu.
  • Akka dubbii sagalee Waaqayyootti jiraachuu. Egaa isumaaf jiraachuu yoo ta’e malee Waaqayyo maal isin irraa barbaadaree? (Kes. 10:12) Karaa isaa milkaa’inni hundinuu ni argama. Kennaan gaarinii fi eebbi dhugaan abbaa ifaa biraa dhufa.
  • Kana hundumaa keessatti immoo kan isiniif yaadu waan qabdaniif egaa maalumatti yaaddoo qabaatturee? (Luq. 12:25-26)

5.2 Bu’aa Ba’ii Jireenyaa Mo’achuu

Namni jiraachuuf jedhee wanti inni keessa hin darbine hin jiru. Bu’aa ba’iin jireenyaa kan nama barsiisan, karaatti kan nama deebisanii fi jireenyumti mataan isaa tattaaffii fi kaka’uumsa keessa namaatii madduun alatti humna kan hin godhanne ta’uu isaati. Bara jireenya isaa keessatti namni abdii isaa Waaqayyo irra kaa’ate bu’aa bahii jireenyaa hundumaa keessa darbee mo’icha argata. Jireenyi bu’aa bahiin hedduun itti baay’atu immoo furmaata haaraa fi mala nama barsiisa.

“Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo’eera” (Yoh. 16:33)

5.2.1 Gaaffilee of Gaafachuu Qabdu

  • Eessatti gubachaa ture laata wallakkaan waggaa jireenya kootii?
  • Jireenya jiraachuun ta’u waggaa hammamiin jiraadhe?
  • Jireenyi gooftaa Yesuus gammachiisu ani jraadhe isa kami?
  • Dhoksaawwan jireenyaa maal fa’a?

Far. 90:12 Waggoonni ani jiraadhu hundumtinuu lakkaa’amanii harka waaqayyoo keessa jiru. Hammam akkan jiraadhus waaqayyo ni beeka. Akkam dafee ariifata yeroon darbuuf, namni wanta isatti tolee itti gammadu lafa irratti hojjechuuf fiiguun alatti wanti inni gochuu danda’u kan biraa hin jiru, jedhee dubbate, Solomoon ogeessichi.

5.3 Eeggannoo Jireenyaaf Godhamuu Qabu

Namni waanuma facaase galfata. Gaaris ta’ee hamaas isuma ati yaaddee gootetu deebi’ee sirrattis ta’a. Itti yaaddee wanta hojjattu hundumaa gochuu qabda. Wanti haaraan namarra hin geenye nurra hin ga’u. Abaarsa isa dur hojjatamaa dhufetu yeroo karaa sirrii irraa kaachuu jalqabnu nu argata malee.

Lallaba 11:6 “Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beeknef, sanyii midhaanii kee ganamaan facaasi! Galgalas harka guutii facaasi! Inni kuni yookiin inni sun yookiin inni lachanuus in tolu ta’a.”

Ani waan tokko cimsee nan yaada, innis dhaloonni nu booda dhufan dhaaltummaa isa qajeelinaa fi eebbifamaa ta’e dhaloota bara si’anaa irraa akka dhaalanii ittiin jireenya isaanii daandii guddinaa irra qajeelfatan nan barbaada. Kunis anaa fi si’i irraa eegama, adaraa nutti kennameedha.

5.3.1 Kan Dursuu Qabu Dursiisuu

Jireenya jiraannu hundumaa keessatti Waaqayyoof dursa kennuun kaayyoo fi karoora keenya keessatti Waaqayyo akka qooda fudhatu taasisa. Waaqayyoon yoo affeerte inni ni argama. Kaayyoo fi karoora kees gara kallattii milkaa’inaatti fida. “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaadutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu isiniif in kennama.” (Mat. 6:33)

5.3.2 Jireenya Bareedaa Fi Fuuldurri Ifa Qabeessa Ta’e Jiraachuu

Maal argaa jirta? Maaltu sitti mul’ataa jira? Fuuldurri kee maal akka ta’e beektaa? Mee akkana godhi barreeffama gabaabduu ishee barreessii qopheessi! Waa’ee kee, karoora kee! Maaltu beeka boru akka har’aa ta’uu dhiisuu danda’a. Karoorri keetis fiixan siif baha. Jireenya keetiif karoorri ati qabdu wantuma jireenya keetiif qofa barbaachisu argachuu qofa ta’uu hin qabu. Akkas yoo ta’e immoo barreeffamni kuni si hin gargaaru, karooras baasuun siif homaa miti.

Addunyaa kana kan jijjiiru namoota lama dha,

✓ 1ffaan nama kadhataa: Namni kadhataa nama Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa amanuu dha. “Eenyutu biyya lafaa mo'uu danda'a? YESUS ILMA WAAQAYYOO TA'UU ISAA NAMA AMANU duwwaatu biyya lafaa mo'uu danda'a.” (1Yoh. 5:5) Addunyaa kana jijjiiruu fi mo'u namni danda'u, jalqaba nama jireenya ofii isaa jijjiiree fi of mo'e dha. Jireenya ofii jijjiiruu jechuun qabeenyan guddachuu, beekamtii addunyaas qabaachuu miti. Jireenya foonii fi hafuuraatti qulqullummaatti jiraachuu jechuudha. Inni nu waame qulqulluu akkuma ta'e adeemsa keenya hundumaan qulqulloota ta'uudha! (1Phe. 1:15) Qulqulloota ta'uun keenya akka ayyaana Waaqayyo nuuf kenneetti gooftaa Yesus Kristositti amanuudhaan hojii inni fannoo irratti hojjete fayyina tola nuuf kenne sana wajjin waliif galuu dha. Kanas yommuu goonu wanta cubbuu ta'e irraa fagaachudhaani. (Rom. 6:1-15)
✓ 2ffaan nama obsa qabu: “Inni warra OBSAAN waan gaarii hojjechaa, guddina, ulfina hin darbine, jireenya hin badnes Waaqayyo biraa argachuu barbaadaniif jireenya bara baraa in kennaaf. Namoota warra ofittoo warra dhugaadhaaf abboomamuu didanii, seera Waaqayyoo malee jiraachuudhaaf abboomamanitti garuu in dheekkama, isaan in ifatas.” (Rom. 2:7-8)

Kadhata keef deebii obsaan eeggachuu baattee yoo ariifatte, iddoo kee gadhiifta. Bakka itti eebbifamuu qabdutti Waaqayyo eebba siif fidee dhufee bakka keetii si dhaba. Namoonni baay’een kadhatanii iddoo isaaniitii waan deemaniif kadhati baay’een deebii malee hafe fakkaata.

Ani iddoo dhaabatanii eegan irra dhaabadhee nan eega, koobii sana irras nan ijaajja; kunoo dubbii inni natti dubbatu nan dhaga’a, wanta ani isa komadheefis waan inni deebisu nan ilaala. Anb. 2:1

5.3.3 Maal Yaadaa Jirtaa?

☆ Qorataan sammuu namaa inni olaanaan Yesuus kiristoosi. Inni lafee fi ribuu namaa adda baasee qorachuuf dandeettii qaba.
☆ Ogeessi sammuun dhaloota kanaa maal akka yaadu, maal akka barbaadu, akkamitti akka guddachuun irra jiru hubachuu danda’u kan barsiisuu fi qajeelchu dubbii sagalee Waaqayyooti. Har’a gaaffii kana deebisi!

  • Utuu barataa jirtuu maal yaadda?
  • Utuu qo’ataa jirtuu maal yaadda?
  • Utuu hojjetaa jirtuu maal yaadda?
  • Qalbiin kee guutuun eessatti hidhamee jira?
  • Hawwiin kee inni guddaan maalidha?

Sammuun namaa “waan tokko hojjachuu hin dadhabu, fedhii dhaba malee.” Wanta fedhii guutuun hojjachuu barbaaddu tokko hojjachuuf dursitee akka argamtu kan si taasisu, fedhii sammuu keetiti.

☆ Amanamummaa kee ilaalee Waaqayyo waan gaarii siif qopheessa, ka’i mudhii kee hidhadhuu hamma dhumaatti adeemi! Innis si faana ni ta’a.
☆ Warra jal’oota ilaaltee garaan kee hin raafamin! OBSAAN DANDA’UU keetiif gatiin kee guddaa ni ta’a.
☆ Ati garuu, hamma dhumaatti adeemi! Waaqayyo immoo ga’aa kee baatee fuuldura kee jira.

Waaqayyoon Galateeffachuu

  • Wanti ijaan argamu hundumtuu yeroodhaaf,
  • Ijaan kan argamus ni quufama.
  • Kan hin quufamne Yesuus
  • Simboon isaa,
  • Ulfinni isaa,
  • Suurraan isaa,
  • Wanti hundumtuus

‣ Kan isaa kan ta’e simboo qaba,
‣ Kanaaf yeroo hundumaa warri isa qaban boqonnaa fi gammachuutti qabamanii kan jiraatanii fi isa galateeffaniif.

5.4 Humna Kadhataa

☆ Jireenya keef Waaqayyoon galateeffachaa waan si barbaachisu kadhataan gara isaatti dhiheeffadhu. Kadhata Daani’el kadhate Dan. 1:9 “Waaqayyo immoo faara tolaadhaan Daani’el ni ilaale.” Dan. 1:17 Abjuu itti naqe mootichatti sababni isaa kan abjuu hiikutu jirakaa. Rakkoon yoo jiraate furmaanni harka nama Waaqayyoon kadhatuu jira.

☆ Dhaloota Waaqayyoof qofa jiraatu qabaachuu yoo barbaadde waldaan kiristaanaa cimsitee amantootaa fi warra isa tajaajilaniif Waaqayyoon haa kadhattu. Akkaataa qabannaa taaajiltootaa fi kunuunsa isaanii irratti hojjechuu qabdi! Tajaajiltoonni waldaa kristaanaa keessaa faarfataa, lallabaa, raajota, waaqeffattoota, qofa utuu hin ta’n garee hojii waldaa kristaanaa kamiyyuu irratti bobba’anii kanneen jiraniif, dhaloota haaraa garasii dhufa jiruu fi warra hin amanne dhugicha beekuun gara gooftaa Yesusitti fiduu irratti cimsitee kadhata qulqullaa’aa Waaqayyoon kadhachuu qabdi.

☆ Wantoonni fi haalonni yeroodhaaf mul’atan hundinuu gara gaaritti akka jijjiiramu yoo barbaadde haala ta’uu qabuu fi gooftichatti toluun keessa darbuun si irraa eegama.

☆ Nama Waaqayyoon kadhatu hundumaaf wanti gaariin tokko qophaa’ee jira. Bira ga’uudhaaf ciminaan kadhata ofii itti fufuu barbaachisa. (Erm. 33:3)

☆ Waaqayyo baay’ee akka si jaalatu beekuu qabda. Isumaaf jiraachuu kee qofa si irraa barbaada. (Kes. 10:12)

5.5 Jireenya

✝ Jireenya kee akka barbaadde godhuu ni dandeessaa laata? Itti gaafatamaan jireenya keetii eenyudha? (Rom. 9:20)

✝ Gaaffilee Of gaafachuun ta’u:

  • Maalifan jiraadha?
  • Eenyufan jiraadha?
  • Hiika jireenyaa barachuun barbaada.

5.5.1 Kaayyoo Jireenyaa (The aim of Life)

✝ Amanaan tokko cimsee kan hubachuu qabu erga gooftaa Yesusitti amanee booda jireenyi isaa fi adeemsi isaa hundinuu jijjiirameera. Inni moofaan darbeera. Jireenya haaraa kana itti fufee jiraachuu, jireenya eebbifamaa galma qulqullaa’aa qabu jiraachuu kana yeroo hundumaa fuuldura isaatti ilaalee haalota rakkisoodhaan utuu hin qabamin, harka utuu hin kennin jiraata.

✝ Namoota kaayyoo jireenya isaanii dagatanii wanta yeroof mul’atee baduun qabaman waliin adeemsa isaa hin godhatu. Isaan fedhii foon isaanii gammachiisuuf, garaa ofiif warra jiraatan, warra biyya lafaatti michoomanii dha. Kaayyoo jireenyaa dagatanii akkasumaan warra jiraatanii dha.

5.5.2 Ga’uumsa Jireenyaa

✝ Jireenya jiraattu keessatti mudannoo darban yaadadhu! Kanneen biroo ittiin gorsuu dandeessa. Hambaa jireenyaa dhaloota dhufuuf dabarsitu qopheeffadhu! Seenaan jireenya keetii fakkeenya gaarii dhaloonni waan tokko irraa baratu qabaachuu qaba. Kana gochuu kan dandeessu immoo fedhii namummaa keetii isa gaarii fi gadhee adda baafattee yeroo hundumaa itti yaaduu si barbaachisa.

✝ Nama yeroo hundumaa ganama hirriibaa dafee ka’uun rakkisu yeroo hundumaa bilbilteefii kaasuu irra, akkamitti akka karoora isaa faana deemu itti himuu qabda. Sababni isaa namni kun gaafa ati bilbiluufii dagattu miidhamaa ta’a waan ta’eefidha. Garuu murtoo mataa isaa kan yeroo hunda hirriibaa isa dammaqsuu danda’u tokko yoo qabaate fayyadamaa ta’a jechuu dha.

✓ Iddoo deemu hundumaatti wanta isa fayyaduu fi hin fayyadne hundumaa adda baasee beeka, akeekni jiraachuu isaa maal akka ta’es adda baafata, just what busy today doesn’t existernal. Wanti har’a nama sardu itti fufee kan jiraachuu danda’u miti. Kan darbee bara baraan jiraachuu danda’u fi ibiddaan qoramee baqee kan hin gubanne hojii qajeelummaa fi qulqullummaatti jiraachudha. Wanti busy nama godhu hundinuu yeroo isaa ni darba!

✓ Sadarkaan ati keessa jiraattu kamiyyuu kan lafa kanaa kanuma lafaati! Inni olii garuu kanuma oliiti.

✓ Fedhii fi yaadni namaa garaagara. Yaadni Waaqayyoo garuu, hamma laftii fi samiin walirraa fagaatu yaada namootaa irraa fagoodha.

  • Beekuun kan si barbaachisu jireenya kee akkuma barbaadde gochuu hin dandeessu. Itti gaafatamaan jireenya keetii si miti, kan si jiraachisuu fi si dhabamsiisuu danda’u kan jireenya kana siif kenne Yesuusiin maal gochuu akka qabdu gaafachuutu sirra jira.
  • Ammas beekuun kan nu barbaachisu yoo jiraate, maaliif akka uumamne, eenyuf akka jiraannu, itti gaafatamaan jireenya keenyaa eenyu akka ta’e beekuun barbaachisaa ta’a.
  • Haala jireenya olka’aa irras yoo jiraanne Yesuus isa lafaa nu kaase dagachuu hin qabnu.
  • Jireenya gadadoo keessattis Yesuus kana dagachuu hin qabnu. Iddoo hundumaatti inni kabajamaadha, cubbuu kan hin qabne Waaqa qulqulluudha.
  • Anaan maaltu Waaqayyo irraa gargar na baasuu danda’aree? Beelaa? Dheebuudha moo? Homtuu jaalala Kristos irraa gargar na baasuu hin danda’u.

‣ Barataa afshaalli (gamni) yeroo hundumaa jiruu fi jireenya isaa keessatti taateewwan ta’an irraa waan haaraa kan baratuudha.

‣ Namni yeroo hundumaa duuba taa’uu jaalatu yeroo hundumaa teessoon isaa duuba akka jiru ilaala. Namni fuuldura taa’uu jaalatu yeroo hundumaa teesson isaa fuuldura akka jiru ilaala.

5.5.3 Jireenya Filannoo

Biyyi lafaa waanuma biyya lafaatiin guutudha, wanti biyya lafaa kana keessa jiru hundi nu hin fayyadu, filannoodhaan itti fayyadamuu barbaachisa. Ati biyya lafaa kana irra hamma jiraattutti ofiidhuma keef jiraatta taanan dogoggortee jirta. Dhaloonni si booda dhufan si ilaalanii waan tokko si irraa akka barataniif karaa kee cimsitee eeggachuu si irra jiraata. Yoos gumaaacha gaarii tokko kunis fakkeenyummaa gaaridhaan maqaan kee akka dha’amu taasistee jirta jechuu dha. Kunis guyyaa guyyaatti daandii irra adeemtu qorachuudhaan argama. Wanta ati har’a facaaftu gaaris hamaas boru warra si booddeetu haammata.

5.5.4 Nama Waaqayyoon sodaatu ta’uu

Amma egaa dhaloonni hundumtuu dhoksaa macaafa qulqulluu haa hubataniif ijji isaanii banameera. Namni jireenya isaa Yesuus duukaa gaggeeffachuu barbaade, dhaloota eebbifame ta’a. Utuu beekuu irra kan daddarbu garuu, itti in faradama. Namni Waaqayyoon sodaatu bara isaa keessatti boonee in jiraata.

5.5.5 Isa lafa irraatiif moo isa waaqa irraatiif cimsitee hojjattaa?

Nuti yeroo hundumaa maal yoo goone gooftaa Yesuus nutti gammadaa? Jennee yaada keenyatti cimsinee of eegganna. Karaa fi wanta Waaqayyo nutti gaddu irra adeemaa jirra moo daandii keenyaa fi yaada keenya waaqni maal jedha jennee yaadna. Kun yaada gaariidha. Yaaduunis kan nama irra jiraatu dha.

5.5.6 Fedha koo moo fedha Waaqayyoofan hojjadha?

Gaaffii yeroo hundumaa of gaafachuun jireenya keenya Waaqayyoof binnuudha. Jireenyi namaa gooftaa Yesus malee hiika hin qabu.

  • Yaa ilma koo warra nama karaa irraa kaachisan irraa fagaadhu, lafa onaa keessa bakka wanti namatti kiyyoo uumu hin jirre jiraattee jireenya kee eeggachuu siif wayya.
  • Warra nama gufachiisaniif wayyoo isaan adabbii dacha ni adabamu. Kitaabni qulqulluun yommuu dubbatu, “eenyu illee nama gufachiisuu isaa irra dhagaan morma isaatti hidhamee bishaan qilee keessatti gadi darbatamuu isaaf wayya.” (Mat. 18:6) jedha.
  • Daandii warra cubbamoonni irra adeeman irra kan hin adeemne inni gammachuu qaba. (Far. 1:1)
  • Dubbiin ani har’a si abboomu eegi! (Bau. 34:11)

Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)

Dhaloota Dagataman Barbaaduu

  • a) Dhaloota dagataman akkamitti barbaadu?
  • b) Dhaloota dagataman akkamitti qabachuun ta’a?
  • c) Eeggannoon dhalootaaf godhamuu qabu maali?

“Egaa karaa Kristos wal gorsuun, jaalala isaatiin wal jajjabeessuun, karaa hafuura qulqulluu tokkummaa qabaachuun, gara laafinaan namaaf yaaduun nuuf kennameera.” (Filp. 2:1)

6.1 Qabeenya Barbaadamuu qabu

  • Qabeenyi akka malee kufee fi dagatame dhala namaati. Dhaloota bara si’anaa kana akkamitti qabachuun akka ta’u yaadan qabuun hunduma caalatti wanta dursi kennamuufii qabu dha.
  • Qabeenyi guddaan addunyaa kanaa dhala namaati. Dhalli namaa garuu qabeenya addunyaa ta'ee osoo jiruu addunyaan qabeenya qabdu barbaaduutti yeroo fi bara isaa fixa.
  • Dhala namaa malee addunyaan duwwaa dha.
  • Dhala namaa malee addunyaan balballi ishee cufaadha.
  • Albuudni guddaan addunyaa bareessuu fi addunyaa tarkaanfachiisu dhala namaati.
  • Qabeenyi addunyaan qabdu anaa fi si dha.
  • Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru. Lakkoofsa guutuu ta'ee dhalate malee.
  • Addunyaa irratti ba'aa ta'uuf namni dhalate hin jiru. Ba'aa addunyaa irraa kaasuuf dhalata malee.

‣ Addunyaa kana irratti nama barbaachisaa fi kaayyoof dhalate taatee argamuuf wantoota 4 kana yaadaa gara fuulduraatti tarkaanfadhu!

  1. Gonkumaa hin ariifatiin!
  2. Gonkumaa hin dhiphatiin!
  3. Gonkumaa abdii hin kutatiin!
  4. Gonkumaa wanta xiqqoon qabamtee karaatti hin dhaabbatiin!
  • Dammaqi waan haaraa siin hojjatamuutu jira.
  • Wanti haaraan siin dalagamu immoo gatii si kafalchisuu of keessaa qaba. Maaliif beektaa? Beektonni yeroo baay'ee akkas jedhu. “Wanta haaraa hojjechuun mataan isaa iyyuu gufuudha” jedhu.
  • Wanta haaraa gumaachuuf dhalatte.

Qabeenyi biyyi lafaa garmalee dagatte dhala namaa yoo ta'e illee ati gonkuma qabeenya dagatame taatee hin hafin! Namni Mark jedhamu, dhaabata facebook kan uume ittiin jireenya fooyya’aa jiraachuufi, wanti inni uume kuni nuuf

6.2 Har’a kan nuti walii keenyaf gochuu dandeenyu maali?

“Walitti kan toltan garaas waliif kan laaftan ta’aa! Akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise akkasuma isinis waliif dhiisaa!” (Efe. 4:32) Mootummaa Waaqayyoo, jireenya bara baraatti wal galchuuf harka walqabannee ka’uuf halkanii fi guyyaa hojjachuu qabna. Jireenya jiraannun fakkeenya ijoollee waaqayyoo ta’uun mul’achuutu nutti jiraata. “Namoonni isin ilaalanii jireenya gaarii fi qajeelaa jiraachuu keessan isin irraa baranii ulfina Waaqayyoof haa kennan malee, wanta hamaa isin irratti arganii maqaa waaqayyoo akka hin arrabsine eeggadhaa!” Jireenyi jiraannu sa’aa 24 guutuu walitti dhufeenya Kristoos waliin qabnu ibsuutu irra jiraata.

Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)

Qo'annaa Macaafa Qulqulluu

Sagaleen Waaqayyoo buddeena jireenyaati. Sagalicha nyaadhu! Inni karaa jireenyaa namatti argisiisa, nama hubachiisa, nama qajeelcha. Namni dubbii sagalee Waaqayyoo, buddeena jireenyaa irraa sooratu ifa keessa jiraata.

“Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu gaggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame. Barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelcuuf, qajeelummaatti leenjisuudhaaf dhimma ni baasa. Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda’e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka ta’u ni godha.” 2Xim. 3:16-17

  • Yeroo hundumaa kan namatti tolu, Abdii guutuus kan anatti horu, Qajeelchaa fi gorsaan kan akka dubbii sagalee Waaqayyoo hin jiru.
  • Dubbii sagalee Waaqayyoo nan dubbifadhe, ittis nan boqodhe.
  • Boqonnaa gaarii isatu namaaf kenna. Isa amanatanii turuunis nama hin yeellasisu.

7.1 Hojii Wangeelaa Hojjachuu

Hojiin wangeelaa yoomiyyuu haala kam keessattiyyuu kan dhaabatu miti. Gamtaadhaan ni hojjetama, gareedhaan ta’uudhaan ni hojjetama. Namoota lamaa fi sadiin ni hojjetama. Dhuunfaadhaan ni hojjetama. Beektotaan ni hojjatama, xiqqaa fi guddaadhaan ni hojjetama. Darbees bara baraan ni hojjetama. Waaqayyo alfaa fi omeegaadha. Mootummaan Waaqayyo bara baraan jabaatee itti fufa. Kaayyoo fi karoorri seexanaa dadhabaa adeema. Hojii wangeelaa akka hojjannuuf itti waamamneerra. Gonkumaa hojii wangeelaa hojjachuutti hin laafnu hin dhiboofnus.

7.2 Abdii Qabdanitti Gammadaa

“Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii ni haara’a. akka joobiraas baalleedhaan ol ni ka’u, hin fiigu garuu hin dadhaban, in adeemu garuu hin mudhukani.” Isa. 40:31

  • Yommuu abdiin gadi dhumaa adeemu, ani siif jira jedhee bakkatti kan argamu, yeroo hundumaa kan nama irraa hin fagaanne, jajjabeessaa dhugaan sagalee Waaqayyooti.
  • Bara koo hundumaa akkan si faarfadhuu fi waa’ee kee dhaloota hundumaatti akkan himu, sagalee kee afaan koo keessa guutte. Kunis yeroo hundumaa afaan koo keessaa hin dhabamu. Tuttuqees na yaadachiisa.
  • Mana mootii biyya lafaa kana keessaa baay’ee kan natti tolu keessa waggaa kuma jiraachuu irra mana kee (oobdii kee) keessa guyyaa tokko jiraachuu nan foo’adha. “Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra, oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya. ” (Far. 84:10)
  • Utuun badee kanaan dura ture, amma booda garuu homaa hin ta’u. “Fedha Waaqayyootiin baatamee rakkinicha gurguddaa sana utuu hin cabin oofkalee dhufeera.” Egaa, si’achi jiraadhus, du’us, fedha Waaqayyooti.
  • Ani borii kootiif hin yaadda’u, “eenyumtuu yaadda’ee rifeensa mataa isaa gurraachessuus, addeessuus hin danda’u.” Ani kan isaati, akeekni kan isaa qofti akka anarratti ta’un barbaada. Hin ariifadhu, obseen eega.

Waaqayyo abdii godhannee diina keenya irratti yeroo hundumaa dammaqinaan mormuun nurraa eegama. Jireenya keenya guyyaa guyyaa ilaallee hawwaa fi jireeya nuti guyyaa guyyaatti jiraannu hedduu kan nu mudhuksu, kan nu dhadhabsiisu, Nu laaffisu haalli jireenyaa mijachuu dhabuun jiraachuun isaa waan hin haalamneedha. Kanaaf safarri abdii keenyaa kan hedduu keenyaa yeroodhaa gara yerootti garaagara. Kaan abdiin keenya amma iyyuu saafela, hoo’aadha, kanaaf haamilee guddaadhaan ni dhamaana. Kaan keenya immoo suuta suutaan nu harkatti laafee ijji keenya isa fuula duraa irra isa booda keenyatti dabarsine irra buufatee haala ammaa gaddaa fi gaabbiin ilaalla ta’a. Kaan keenya immoo muddama jireenyaa of irraa faccisaa abdii jireenyaa qabnu jabeeffachuuf abdii kutachuu garasitti haala kamiyyuu keessatti warraaqna. Cimnees hojjanna.

Abdiin nuti qabnu adeemsaa fi bifa jireenya keenyaa tolcha. Haa ta’u malee, garaa garummaan abdii kun eessaa madda? Deebiin kanaa gabaabatti laphee garaa keenyaa keessaa madda. Namni qalbii isaa keessatti kan kuufate shaakala jireenyaa, ogummaa fi ilaalcha isaa ala jiraachuu hin danda’u. Kanaaf abdii dhabuun, mogolee laafuun, ofbooda ilaaluun kan dhufu yeroo sammuun keenya shaakala jireenyaa keenya irraa kan kuufate milkaa’uu dhabuu keenya nuuf dhugeessu, yookiin immoo madaala ormaa fi naannoo keenyaa guutuu yoo dhadhabnu, akkasumas dhadhabuu keenyaa fi haala amma keessa jirru garasitti wanti haaraan akka hin jirre amannee fudhanee dha. Kaan keenyatti immo shaakalli jireenyaa faallaa kanaa waan nuu dhugeessuuf, ganama gaafa kaanu nuffii utuu hin ta’in abdiin, gammachuu borii, fuuldura keenya tolfachuuf bobbaana. Ati har’a abdiin jireenya kee kallattii hundumaan akkami?

Nuti ofii keenyarra darbinee dhalootaaf abdii jireenyaa taana malee, dhibaa’ummaan nu keessatti argamuu hin qabu. Yoo dhugaan isaaf jiraanne Waaqayyo nu guddisa. Dhalootaaf fakkeenya gaarii taanee akka jiraannuf keessa keenyatti amanna.

Jaalala Obbolummaa Nama Hundumaaf Qabaachuu

Yeroo tokko tokko haasawa jibbiinsa qomoo wiirtuulee (miidiyaa hawaasaatiin) yommuu dabarfamu ni argina. Namni dubbii jibbiinsaa labsuun hanga abbaa manaa fi haadha manaa qomoo adda addaa irraa jaalalaan walitti hidhaman ceepha’ee gara gargar ba’iinsaatti geessutti jibbiinsa isaa itti fufee argisiisa. Yeroo hundumaa jaalala tolaa yookiin akkasumaan kan nu jaalate jaalala Waaqayyoo kan sanyii fi qomoo adda hin baafne fakkeenya godhannee jiraachuutu nu irra jiraata malee yeroo itti yaada hanqina walii lakkoofnee qomoon gargar walqoodnee itti wal komannuu fi wal hammeessinu qabaachuu hin qabnu.

Namni kamiyyuu bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin kan uumame, nama yaaduu fi hubachuu danda’uudha.

  • Wal bira dhaabachuun,
  • Walgorfachuun,
  • Haalaa fi akkaataa jireenyaa, aadaa ofii wal barsiisuun
  • Jireenyaa jaalalaa lafa kana irratti walii wajjin jiraachuun ni mala. ni ta’as.

Ilmaa fi intala jaalala Waaqayyoo fakkeenya godhatanii guddatan qabaachuu fi waliin hojjachuu barbaanna. Sanyiin walqoodunii fi jibbiinsi hamaan badiisa fida. Walii galanii tokko ta’uun garuu guddinaa fi gammachuu bara baraati. Jaalalli waan hundumaa ni moo’ata, jaalalli danda’aadha, Namni jaalala of keessaa qabu waan hundumaa obsee bira darba. Kanas barreessuuf kanan dirqame lammiileen qomoo adda addaa keessaa jaalalaa fi Gaa’elaan walitti hidhaman hanga waliin jiraachuun isaanii yaaddessaa ta’utti waan irratti haasa’amaa tureefidha.

Xumura

Dhuma irratti wantoota barruu kana irraa barattee fi yaada keen walqabsiiftee karaa kees ilaallattee bara kana keessatti dhaloota kallattii dhugaa irra dhaabatanii wajjin gonfoo qajeelinaa akka fudhattu, mootummaa Waaqayyoo keessaa qooda akka qabaattuuf Waaqayyo akka si gargaaruuf yeroo hundumaa kadhannaa kooti.

Namni adeemsa isaa Waaqayyoo wajjin godhatu jireenya ofii isaa irra darbee dhalootaaf eebba ta’a. Dhaloonni bara kanaas mataa isaanii qofaaf jiraachuu irra darbanii dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’uudhaan adeemsa isaanii dubbii Waaqayyoo irratti cimsanii akka dhaabatan nan gorsa.

Ani waan tokko nan yaada, innis dhaloonni nu booda dhufan dhaaltummaa isa qajeelinaa fi eebbifamaa ta’e dhaloota bara si’anaa irraa akka dhaalanii ittiin jireenya isaanii daandii guddinaa irra qajeelfatan nan barbaada. Kunis anaa fi si’i irraa eegama, adaraa nutti kennameedha.

Wanta dhageesse, wanta argite hundumaa xiinxali! Yaadan qabi! Wanta siif galee fi waan baratte dhalootaaf dabarsuu hin dagatin! Waaqayyo bara baraan jireenya kee, haa eebbisu.

Garee Telegram

Gareen keenya telegram Daandii Guddinaa (t.me/Daandii_Guddinaa) jechuun nu waliin milkaa’ina jireenyaa hordofuudhaan irraa baradhaa! Ammuma join gochuun nutti dabalamaa! Garee kana keessatti Admin keenya waliin ta’uudhaan sagantaalee armaan gadii isiniif dhiheessina.

  • Qo’annaa Macaafa Qulqulluu (Bible Study)
  • Qophiilee bashannansiisoo
  • Affeerraa faarfannaa
  • Baruumsa fi Leenjiilee adda addaa
  • Beeksisaa fi hojiilee barbaachisoo tokko tokko dhiheessuu

Contact Me for any Question and Suggestion

Gaaffii fi Yaada Qabdaniif Karaa Kanaan Na Qunnamaa

Email1: getuabera041@gmail.com

Phone: +251919872853

Telegram: Username: @Getu_Abera

Geetuu Abarraa

Telephone: 0919872853

January 01, 2015

Contact The Developer
Developer: Wario Abbateke Telegram: https://t.me/WarioAbbateke Email: WarioAbbateke@my.uopeople.edu Phone: +251916637504 Website: www.borana.edu.et